Akka waraabessa madaayee, madaa ofirratti nyaattani

Dadhabbii fi balleessaa nu keesssa jirtu qofa calanqiisuu qofa odoo hinta’in akka karaa haarawaan itti of ijaarree qabsoo teenna itti jabeessinuu yaaduu

fi gochuun dirqama. Duratti socho’uu nu barbaachisa akka hama.  Garuu waan nu keessaa qabsoo teennatti akka hamaa gufuu ta’e yoomaraa dhoysuu nu hinbarbaachisu. Hadhaa nutti dhagayamtullee karaa karaan calanqiisuun garii natti fakkaata. Mee irra deebine waan Bulloon jedhuu haa laallu.


Akka woraabessa madaayee, madaa ufirratti nyaattanii


Ooltanii uduu hinbulin

Kakuuf hurbuu gantanii

Akka Woraabessa madaayee

Madaa ufirratti nyaattanii

Oromoo waakkattanii

Amaaratti irraa galtanii

Kunoo isinii himnee

Waa itti hinmilkooftanii

 

Harkaa isin faca’ee

Dharti xaxaa turtani

Oromoon Xophiyaa diddee

Amma akkam taataanii

Silaa sammuma kanaan

Nu hoogganuu feetanii?

 

Asirrattii dhaabuu fedhaa

Ammaaf dubbii keessani

Yaadachuun natti-dirqamaa

“Hoggana” Minisootaa san

Wereegamtoota lubbuu

Sabaaf jecha kennan

Gootota lafeen isaanii

Bosona Minisootaa guutan

 

Wereegama hadhayaa

An-takkumaa waa argee

Gootota lafeen margii

Minisootaa irratti marge

Yaa Bosona Minisootaa

Dachii bishaan hinqabne

Udumee diinni guute

Sinbir-sareen keessa h’baane

Ka gaafa duulaa galtu

Oduu isaa fixxee himne!

 

Yaa “Hoggana” Minisootaa

Biyyeen ana haa nyaattuu

Biyyaaf biyyee taataanii

Qabsoo hidhannoo gootuu

Kuffiftanii kuftanii

isaan yaadachuu hindhiisuu

Seenaan bara baraanii

Siidaa jaaruufii qabnaa

Akkamitti ilaaltanii?

 

Hajaa Alaa nutti filtee

Bineensa nyaatee h’qufne

Ka ganama kakatu

Ka galgala waakkatu

Ka safuu waanii h’beene

Ka xuuree hin laallanne

Harraagessa ganda keessaa

Ka qawwee argee hinbeenne

Balaccuu akka loonii

Ka garaabaa h’furmine

Maqaa keetiin kadhataa

ka-takkaa hujjee h’beenne

Ka wollaala keessallee

Dhugaan afaanii h’baane

 

WBO nyaata dhoggatee

ilfinyii keessa ciisaa

Jijjiirama sobaa labsee

Hawaasa addaan baasaa

Maqaa kankeetiin saamee

ittiin uf-qananiisaa

Bakka sokketti-deebee

Tokkummaa jedhee labsaa!

 

Afaan hara sinqabuu

Guyyaaf halkan qamaataa

Gaafa sitti tole, AFD ta’e jettaa

Jaalala bira-kuttee

Alabaa jaraa uffattaa

Bara dheeraaf, Oromoota dhamaaftaa

Guyya guyyaa Oromoo

Halkan Amaara taataa

Amma kunoo qulqullooftee

Haga Tigiree biyya dhaalchifte

Haga lafee nu cabsite

Haga nu bittinneesite

Haga woraana facaafte

Haga Hawaasa woliin dhoofte

Abashootaan Araaramuuf

Caliin Calanqoo soba jettee

 

Ah!  bar siwoliin rakkannee

Akka dhibee dawaa h’qabnee

Bitaafi mirgatti daaxxaa

Akka saree maraattee

Asiifi achi guluftaa

Eentu eennuun irraa fottoqa jettaa

Ufii Amaaroftee Saballee garas dhiibdaa

Seenaa keenna nu-waakkattaa

Harkaa fi Harma muraan Aanolee

Soba, h’turre, dhara jettaa

Abashoota jalaa guluftaa

Duddaan gadi godhattee

“Abeeti Geetayee!” jettaa

Dubartootaaf marga qabnee

Itillee aftaafi fakkaattaa

Harca’aa funnaannattaa

Feetu Ginboot 7n taataa

Afaan kankee wollaallee

Adiin gurraacha jettaa

Cadhisuullee  dadhabnee

Maqaa keennaan daldaltaa

Garaabaa kee irra ooltee

Boru maaliin gaddeebittaa?

 

Nama siin jechuuf

Woraabesiffoo yaaddaa

Woraabessa siin jechuuf

Miila lamaan adeemtaa

Maal jennee haa si waamnu

Maqaa kan kee nuu himtaa?

Yoomuma akka namaa

Waan jette’rratti argamtaa?

 

AFDti lammata hindeebu jettee

Sobaan lafa-haxooftee kakattee

Goobana Daacee busheesitaa

Atuu Goobana caaltee

Bakka jirtuu dhiittee baatee

Worraaqaa uf fakkeesitee

Shanee-Gumii arraba itti roobsitee

Akka waan Shanee caaltuu

Bulguu gootee dhiheesitee

Arraba  isaan fakkaatu

Farra QBO ta’uu  isaanii ibsu

Kan shira isanii ifa baasuu

Gaangee hindhalle jettee

Nu duraanuu nibeennaa

Nuuf dhuga’oomsitee

Gaangee hindhalle ta’uu

Itti mallatteesitee

Chaabbaa’rratti rukutte!

 

Ajaa-iba rabbii

Afaan kiyya haacituu

Dubbii ima argite

Gaangeen hindhaltuu

Tana dhugama jette!

Ati waa dhugaa hinbeettuu

Tasa  irra sii buute

 

Dhala gaangee teennaa

Haga yoom teennee eennaa

Bara dheeraaf eeggannee

ilmaa fi dubartii itti dhabnee

Bitimaa itti cufannee

Dureessi itti hiyyoomannee

Oromoo isaan seenee

Adaa diina uf irratti moosifnee

 

Afaan keenna loqonnaan

Dhiiga Oromoo qaban seenee

Adaa ma’iisooni fi ici’aatiin

Akkasuma ihaapaa

Galaafattoota Baaroo Tumsaa

Bara dheeraaf saan-baadhannee

Kunoo amma itti beekkannee.

 

Akka waan Shanee caaltuu

Gaangee hindhalle jettee

Nama gaangee shanetti baase

Kijibaan dhamaaffattee

Isaa aangoof amuummatuu

Amoolee afoo qabdee

Biyya taatu harkaa h’qabduu

Dirree lolaa keessa hinjirtuu

Jiruu baqaa ka oofattu

Guyyaa adiin sa-boojitee

Barcumaa fafaa irra teessiftee

Mukkure aanne’e!

Kabajaa irraa mulqite

 

Maaluma itti himtaa

Oromoota Jorjaattii

Maaluma himta Sabattii

Maaluma itti himtaa

Oromoo Denverittii

Dhaqqaboo gaafa rakkoo

Ka ta’an WBOf irkoo

Ka gaafii si hingaaffanne

Qabsoon Sabaa

Deemtee deemuu dhabdee

Ka shakkii sirraa h’qabne

Ka da’imnillee buusii baasu

Ka ijoollen maxaanxee

Qawwee hidhachuuf si rakkisu

Arjaa galaana lubbuu kenne

Ka ulfi garaa jiru miseensaa

Ka jaarsaaf jaartii hinjenne

Arjaa hurgufataa

Ka bikka kenne hinbeenne

 

Namni garaa waa si nyaatuu

Ati Buluguun dhalattee

Yaboo isaanii nyaattee

Bineensa lugaama hinqabne

Jawwee nama fakkatu

Nyaattee isaan fixxee

Dhalee WBOf kenname

Akka waan kankee ta’ee

Diinaggee irraa dhaabdee

Miseensa miliquun aadaa teetii

Tigree woliin marii gootee

WBO kaloo keenna kaloo sabaa

Ooftee  diinaa galchitee

Imimmaan saba keennaa

Miila ittiin dhiqatte.

 

Akka waan worraaqaa taatee

Shanee keessa dhiittee baate

Akka waan Shanee caaltuu

Gaangee hindhallee jettee

Ati kaa taadhiin keenna

Bilisummaa dorrobdee

Dhaluuf bakka barbaaddee

Dorroba lafaan geettee

Woggaa lama keessatti

Akka dhaltu sabaaf himtee

 

Ati kaa bilisummaa dorrobdee

Bilisummaa dorrobuu labsitee

Bookkiftee lafa guuttee

Woggaa lama keessatti

Diina woraana jettee

Shakkii tokkoon maletti

Sabaaf waadaa aseentee

Maal dhalina laata

Jettee uduu h’shakkin

Adii baatee uf lallabdee

Bakka hingeenne uf geessitee!

Ee banne!

Gaangee gaagee uduu jettuu

Atilleen gaangiffoo maseentee?

 

Dhaamsa isa dhumaa

Dhala gaangee teennaa

Haga yoom teennee eennaa

Oromoon hundii keennaa

Wol-malee eennu qabnaa

Harka wol qabannee

Beekaaf wollaalaa

Dhiiraaf dubartii

Uduu hinjenne

Nu Oromoon kutannee

Mudhii teenna jebeeffanee

Diinni diina keennaa

Diinuma keenna jennee

Gaangotumaan alatti

Mala barbaaddannaa

Woma qabnu hindhannee

Diina barbadeesinaa

Shakkii malee injiffannaa!

 

Bulloo irraa

Leave a Reply