Dukkanaan argii lafa jalaa margii

 

 

Ani guddaa adda guddadhee maal horee

Xiqqeennaan farda guulaa lugaama malee maaf koree

Ujoolleen haadha tiyyaa guddotuu dhumee, dhumee

Ani jaalaaf hafe Kumee dibbee tumee, tumee, tumee

Ujoolleen daraartuun, tetteettee hin’aartuu

Ujoolleen darartuun aduu hinfakkaattuu

Dukkanaan argii lafa jalaa margii

Dukkanaan argii bareedaa warqii


Ani guddaa adda guddadhee maal horee

Farda guulaa lugaama malee maaf koree

Bahri jaalala  yaa’uu yaa’uu

Hindhaabatuu gad hintaa’uu

Hindhaabatuu gad hintaa’uu

Hinyaadinaa gagalaa ganamaa

Hintaa’inaa dardara dhabamaa


Ujoolleen haadha tiyyaa hindhumtee

Ani jaalaan hafee Kumee dibbeen dhuftee

Mee naa kakkaasa gandoota abbaa Jifaarii

Mee naaf gad babbaasa ujoollee gaggaarii

Mee laali Daawwee walloo Daawwee walloo

Mee Jiraadhu Daawwee bal’oo Dawwee bal’oo

Biyya aanniyyii biyya daanniyyii gandan baatii

Walhaataanuu olhaakaanuu dhiisaa caatiii, caatii


Ani guddaa adda guddadhee maal horee

Farda lagaa guulaa maaf koree, koree

Mee naa himi Abbaaa Duula farda tuulaa

Maal taate ujoolleen warra goobanaa jootee

Aanan saree hoote gabbattee dhootee dhoote

Sareen rabbii waa nagayaa saree namaa maa dhagayaa

Sareen rabbii waa nagayaa saree namaa maa dhagayaa


Blisummaa dagadhee, nadhibdee na dhibdee

Shiroo nabarsiiftee gabrummaa na dibdee

Shiroo na barsiiftee gabrummaa na dibdee

Shiroo na barsiiftee gabrummaa na dibdee

Ila shiroon midhaanii hixaa hixaa hixaa

Ila gabrummaan abaarsaa fixaa fixaa


Ani adda guddadhee adda dubbadhee

ee farda guulaa jaaladhee yaabbadhee

Hargiisa nyaadhee furdadhee guddadhee

Ani lugaama hinbeeku blisa, blisaa blisaa

Baalaa hansaraa nyaadhee dhugaa mul’isaa

Baalaa hansaraa nyaadhee dhugaa mul’isaa


Olka’ii shubbisii shubbisii shubbisii shubbisii

Gad jedhii,  gad jedhii  dibbee dubbisii dubbisii

Mee gaddhiisaa dibbee wariiqaa dibbee wariiqaa

Mee gad ciisaa naa himaa dhugaa haqiiqaa haqiiqaa


Ujoolleen haadha tiyyaa meeqatuu dhumee

Anuu jaalalaaf hafee dibbee tumee Kumee

Ujoolleen hindhumnee lafa jalaa dhufnee

Lafa jalaa dhufnee dibbee tumnee

Dukkanaan argii lafa jalaa margii

Lafa jalaa margii, warqiii , warqiii

Dukkanni bareedduu, bareedduu

Ka’i intala arreedduu, intala arreedduu

Leave a Reply