Bakka ifatti waliin dalaguu hindandeenne mala mali

Bakka ifatti waliin dalaguu hindandeenne maaltu dhoysatti waliin dalaguu nama dhoogga yoo wal’amantii dhabuu, sodaa fi wallaala taate malee? Namni

qabsoo waraana sodaatu, yookaanii sababa gara garaatiif barbaachiftuu miti ammatti jedhu, yoo dhugaa yookaanii haqa ofiitti ka amanu taate karaa nagayaatiin dhoysaan maa hinqabsoofne? Ka ala jiru maaliif ka biyya jirurraa waa eega, ka biyya jiru ka alaarraa? Maallif lachuu waliin hinhojjanne? Ani ka namarraa waa eegu ofii maal gochutti jira? Nama aalachuu dhiisee, nama natti amanu, ka na jaalatu waliin maa waa hingoone? Maaliif yoo barbaachisellee dhaaba haaraya hin’ijaarre? Yoo tokko tokko deebii kennuu caalaa gaafii gara garaa ofii fi nama biraallee gaafachuu wayya natti fakkaata. Gaafi sirrii.  Warri nu mooyatuu fi ka jara gargaaru ka adduniaallee karaa hedduun nu sossobuu barbaadan. Akka waan nu ujoollee daa’ima taane karameellaa nutti qoodanii deema taphadhaa waan nuun jedhan fakkaata. Ofitti nu qabanii nu raffisuu barbaadan. Diina ofiillee kara karaan addaan baasani , qabeennaan,  baroomsaan, yoo barbaachise waraana itti hidhuun jabeessanii ofitti harkisanii sossoban. Namoota laalchi jaraallee tokko hinta’in walitti fidanii, walitti arasani akka waliin maslahaa jaraatiif dalagan godhan. Meles Zenawi, Omar Albashir, sheik Shariifii fi ka biraallee waliin hojjachiisan, yoo barbaachise sodaachisuunillee. Sadarkaa ummanni Oromo bal’aan hin‘eeyne ka gara garaatiin dalagutti jiran. Akka nu hedduun keenna akka nama tokko tokkootti faaydaa yookaanii maslahaa mataa kennaatiif asii achi jennee waldoggomnu  nu gargaarutti jiran. Odoo akka jarri barbaadanitti waldoggomnu dachii teenna guutumatti dhabuu dendeenna sutuma suutaan.

Ani amma akka nama tokkootti waan natti mul’atu dubbadha. Biyya ani jiru tanatti namni sodaa malee waan beekuu fi waan itti amanu dubbachuu dandaya. Keessattuu, nama afaanumaan qofaan dubbatu, ka waahingoone, dhugaallee yoo inni dubbate yaroo har’aa wanni sodataniif hinjiru. Nama akka hafuura hinbaafanne afaan cufuun akka mala gaarii hinta’in warri adduniayaa tana oofu gurguddaan akka gaarii beekan. Karaa biraatiin ummanni asii kunillee ummata yoo ukkaamsan cal’isuu miti. Maraafuu, namni yoo ka hinqabsoofne taate waan fedhetti haa amanu, akka fedhetti haa sagaduu, akka fedhetti du’aa’ii haa godhatu, nyaatee, dhugee, ujoollee horee haa jiraatu dhiisa waliin jechutti jiran ol’aantonni gurguddaan. Namni akka fedhetti dibbee dhayee lafa haadhiituu dhiisaa jedhama, akka biraatti. Amantiinillee ummata cunqurfama addaan diigani itti kolfuun asuma keessa jirti.Yaada kanatti akka gaarii hojjachutti jiran karaa dandayame maraan.

Namni waan ani barreessu dhugaa jedhee hinfudhanne nu keessa akka  heddu ta’e naa ifa. Yookaani Hadiin waan nu hinbeeine dhoysaan oofuu dandaya ka jedhullee hindhabamu.  Nama kanallee mara aalachuu hindandayu ani. Hedduun nama odomaa dhugaallee akka gaarii beeku sababa gara garaatiin cal’isee taa’uun dirqama itti ta’e.  Haala har’a mootummaa Woyaanee jalatti biyyi teenna keessa jirtullee namni akka tokkotti arguu hindandandayu.

Oromoon ummata lakkoofsi isaa guddaati. Kana waliinu nama lakkofsaan xiqqaa ka garaa muratee bekkomsaan hujiin isa ijaaree geegessuu dandayu, jechuun, nama qubaan lakkaayuu dandeennu dhabe. Badiin tun maalirraa kaate, malli  maali jennee mee guddifnee haa yaannu, haa ofii fi wal gaafannu. Rabbillee nama gaafatuuf kenna jedhamaa miti? Deebii dura gaafitu jira. Manniin baroomsaallee garri irra jiran akkasitti dalagan. Saayinsii gurguddaa gaafitu mul’isa.

Yoomaraa wanni namni haqa barbaadu martinuu irratti walhindhabnetu jira. Waan irratti walt’an dhiisanii waan irratti waldhaban qofa kaasuun yoo heddu aada nutti taate natti fakkaata. Anillee mataan kiyyaa rakkoo akkanaa qabaachuu dandaya. Waan irratti waltaanu yoo waliin hojjanne waljaalalaa fi wal’amatiin jidduu keennatti guddataa deemti. Beekkomsi keennallee guddataa deema. Wanni irratti nu wal’hintaanellee sutuma suutaan xiqqaata deema. Rakkoon waljaalalli hinhinjifanne xiqqo. Rakkoo xiqqoo ammoo dagachuun hindandayama. Yoo dagachuun dadhabamellee, walkabajuun, wali obsuun akka biraatti laaluun hindandayama. Dhugaa gurguddoo takka takka tarree tarree mee walhaayaadachiifnu. Namichi kun waan arguu dadhabetu jira jettanii warri dhugamaan yaaddan, yoo na sirreeessitan isin galatoomfadha guddise. Haala biyya teennaa akka namni biyya jiru ana caalaa beeku shakki hinqabu ani. Ulfaadha.

Leave a Reply