Of beekuun waan laafaa miti

Ofbeekuun waan laafaa miti

Akka nama tokko tokkoottii fi akka ummataatillee namni haala ofii wallaaluu dandaya sababa gara garaatiin. Ammoo yoo haala ofii hinbeeine rakkoo

ofitiif hiikkaa arguun hindandayamu. Akka nama tokko tokkootii fi akka ummataatillee haalli namaa waan jijjiiiramuuf, waan akka tokkotti yoomaraa hinteennef, haala ofii badaa jijjiiruu fi haala haarwa barachuu yaaluun seera jiruuti. Seera kana guddinnaan  gammachuun fudhannee itti dalaguun waan  barbaachisu.. Garuu yoo garii laafaa hinta’u. Nama dhukkubsuu dandaya. Namatti hadhaawuu dandaya. Wanni yoo dheeraa baratan akka fooyeetti nama keessaa hinbaatu. Garu qoricha haa hadhaayullee fayyuuf dhuguun dirqama. Fakkeennaaf akki nu Oromoon haga Habashoonni nu hinhinjifatin dura itti oflaaluu turree fi akki nu har’a guddinnaan ofii fi waan baraallee laalluu tokko ta’uu hindandayu.

Ani 1966 irraa qabee haga 1969 biyya Somaalee ture. Akki namni yoo kaanii ummanni Somaalee ofii fi mootumaa Somaleetii fi ta biraallee itt laalu guddaa na ajaa’ibe, nadinqe. Ummanni Somalee, Mootummaa takka, ta isaa haa taatuu, ta adduniyaa haataatuu, xiqqomallee hinsodaatu. Keessattuu warri blisummaa Somaliatii as dhalate. Nullee haga mootonii Habashaa moorala keenna hincabsin dura akkuma ummata Somalee turree, gaaf tokko akkuma jaraa sodaa ofirraa balleessinee jiraachuu hindandeenna yaanni jedhuu qaamaa fi surriinellee na gamaachiisuu ture. Jiruu tiyatti ani eega Somalia seenee asi ka guutumatti mataa olqabadhee magaalatti lafarra deemuu  dandaye yoo isiniin jedhe dubbi mi’eesssuufi miti. Warra baaleerraa namni beekamaan Haji Abdulhakim jedhamu Ismii Abbaa Washaa (innillee qabsaayaa beekamaa) waraana Somaalee dhufneefillee odoo argachuu baanneellee asumaa dhufnee baga ummata sodaa hinqabne ka blisa ta’e kana agarree jedhe jedhee Moqadishotti naa hime.

Akki mootummaan Siad Barree itti kuftee fi wanni sanii as Somaaletti argamutti jirulleee  dhugaa tana, sodaachuu dhabuu ummata Somale, waan ifa baasee mul’isu.

Namni keenna tokko tokko ka gad qabee waa laaluu hinbarbaanne har’a Somaleen biyya ofii diigde, maalxisiyyoo jedha. Dhugaan: Somaaleen motummaa walqixummaa fi haqa irratti hundeeffamte ijaaruu barbaaddi. Nama offiitirraallee Somaleen cunqursaa hinfudhattu. Ummata Somaalee huumna waraana qofaan sodaachisanii bulchuun hindandayamu. Kolonialistoonni Awroophaallee magaalawwan, keessattuu, garba Indiatii fi bahra diimarra jirtu , qabatanii taa’an. Guutumatti bakka maratti fedhii, ennummaa fi mooraala Somaalee cabsuu hindandeenne, hinbarbaannelle. Ol’aantota Habashaa qofa Afrikaa keessatti warri namummaa namaa, eennumaa namaatii fi ulfinna ilma namaa cabsuu yaale, ammallee yaalu.. Jarrille garuu akkuma har’a Ogaadenitti if Somalia keessatti agarruu hendandeenne. Huumni adduniyaa ciccimtuun ta akka Engliiziitii fi Amerikaallee cabsuu dadhabanii jiran, fuuldurattillee cabsuu waan dandayan natti hinfakkaatu. Namoota jara waliin dalagan, biyyaa warra jara ulfeessuu cimseessanii, araaamuu yaalutti jiran. Ummata mataa gad hinqabanne waliin diiniillee ka surrii  yookaanii  aqlii qabu araaramuu barbaada. Ummata qabsoo barate lafarra dhabamsiisuun har’a hindandayamu. Dhugaa uumaatti deebi’uu yaaluun nuuf dirqama guddaa. Fedhii fi qophii teennarratti rarraati.

Namni akka nama tokkotii fi akka ummataattillee waan itti mul’atu, itti dhagayamu, dhugaa itti fakkaatu, itti amanu ifa basee mul’isuu, dubbachuu hindandeennee fi ka dandayu addaan jiran, lafaa fi sami. Yoo tokko odoo umriin kiyya umrii  ilma waggaa sadihi yookaanii afurii poolisiin Amaaraa namni soddomaa ol ka warana hidhatan galgala yoo aduun dhiitu ganda keenna ka lammtataa, Hambaqa, dhufanii abbaa kiyya sheik Mohamed Qaanqu qabanii Goobbattiin taran. Namni maaliif jedhee gaafachuu dandaye hinjiru. Marti keenna waan dhumnu, waan nufixuuf dhufan nutti fakkaate sodaa irraa. Haga harttillee haalli suni taree taree natti mul’ata.

Ummata keennarraa namni hedduun qabsaayee jira. Har’allee qabsaayutti jira karaa itti mul’atuun yookanii dandayuun. Haata’u malee ummanni keenna bal’aan haga ammaallee sodaan jiraata, sodaan ol’aantota Habashaa gabbara. Kaleessa Paaltookirratti namni lama ka maqaa OLFiin Asmaraa irraa dubbatan, ummanni Oromoo sodaa hinqabu, wareegamuuf qophaayee jira, ka jedhan natti fakkaate. Akka ololaatti fudhachuu hindandaya, garuu dhugaadha qabatamtuu jedhee fudhachuu hindandyuu mataa kiyyaan. Akkuma jarri gaafii gara gara debisuu turaniin, ani barreessan gaafii wahii kaasee ture. Namni tokko waan natti aare natti fakkaata .Mikrofoona fudhatee warri waa barreessitan yoo dhiira taatan olbayaa dubbadhaa akka waan jedhuu natti fakkaate. Ala taa’anii fagoo walitti baroduun, jaynoomuun  nama hindhibu. Yaadaa dalaguu nu barbaachisa ifattii fi dhoysaanillee, magaalaa fi baadiyattillee, alaa fi keessattillee.

Leave a Reply