Waan tare maal dhiifnee, maal kassuu barbaachisa?

Eega adda blisummaa ummata/toota Itoophiyaa (ENLF) Dimashqitti 1972 labsine booda  waan argame tokko tokko  asirratti kaasuu fedha. Adeemsa qabsoo teennaarraa waa heddu baranna. Kana malellee namoonni

oduu waan taree funaananii  nama waljibbisiisuu hujii godhatan nu keessa jiraachuun beekama. Kanaafuu waan tokko tokko ka taree kaasanii  haga dandayameen qulqulleessuun  gaarii natti fakkaata.  Warri wanni ani asirratti barreessu kuni akka malee aarsuu jiraachuun waan hin’oolle. Ani waan nama maraa yoomaraa gammachiisu kaasuumiti fedhiin tiyya. Waan beekuu fi waan natti mul’atu lafa kaayuu qofa. Namni  waan ani asitti kaasu heddu narra beeku hinjira jedhee amana. Yoo na qajeelche galatoomaan fudhadha.

Eega ENLF labsinee rakkinna gara garaattu nu yaachisuu ture. Gaafiin takka guddoon akkamitti dargaggoota Oromoo ta baroomsa qabdu, ta qabsoo waraanaatii fi siaasaattille, akkasuma dhaaba cimtuu ijaarsattille qooda  fudhachuu dandeettu ofitti daballa gaafii jettu turte. Yoo san qabsaayonni keenna heddutu Somaaletti akka malee rakkachuu turan, gariin magaalaa Aden keessaa biyyatti socho’uu dadhabanii taa’uu turan. Kanaafuu daddafnee dalaguun dirqama nutti ta’e. Dimashqi, Bagdaad, Qaahiraa fi Adanitti walgeennee murtii fi tarkaanfi gara garaa fudhachuu turre. Haata’uu, waan mootummaan Somalee ta Siad barre nu nannessuu turteef karaa Somaaleetiin waa guddaa gochuun hindadhabame. Walumatti qabatti eega Jaarraa fa’a mootummaan Somalee hiitee asi karaan sun nutti cufamee guutumatti.

Walgayii Dimashqitti godhamtetti murti jabdu takkatti geenne. Nammonni walgayii sanirratti argaman, akka an amma yaadadhutti, Haji Hussein Suraa, Elemoo Qilxuu,( Hasan ) Ismail Ali, Bakri Ahmad, Mahmud Sado, Abdi Gode fi ana. Namoonni biraallee ka irraanfadhe hinjiran. Fakkeennaaf, walgayii sanirratti Ibrahim Suuriin argameef argamuu dhabee hinyaadadhu ani. Eega bal’innaan walmarii-extensive discussion-goone booda ilmaan Oromo ta ESUE keessaa siyaasaan qabsaayuu turanitti dubbachuu, jaraan walqunnamtii gochuu, afaan tokkoon murteessine.

Sanirraa kaanee bilbilsaa fi xalayaan yoo heddu Hailee Fiddaa waliin walqunnama goone.Biyyoolee Awroophaa sadi- Hungary, Faransaayii fi Germany bakka barattoonni Oromoo ta inni beekuu guddinnaan  jiranitti qaamaan  nama akka erginu nu gorse. Namoota itti dubbachuu nu barbaachisullee nuu  hime. Garuu namoota san keessa namoonni Oromo hinta‘in ka akka Nagade Gobaze, Tadasa Gasesseetii fi Illihu Fallaqeellee turan. Walgayima Dimashqi sanirratti akka ani  biyyoolee sadiin Awroophaa deemu murteeffame.

Beiruutirraa ka’ee Hungary torbaan lama, Fransaayii fi Germany akkasuma  torbaan lama lama keessatti namoota hedduun walqunnamti godhe. Hailee Fiddaatiin Humburgitti walqunnamnee waa heddu bal’innaan kaafnee dubbanne, waa heddurratti waltaane. Dhumatti inni akka an  Sweden deemee  Illihuu Fallaqa waliinillee bal’innaan haasawu fedhee ture. Garuu ani Sweden daquu hindandeenne.

Gabaabamatti, geegessoonni ESUE walmarii dheertuu godhanii waa afur yoosuu murteessan. Ka duraa, akka ESUEen ifa baasee ENLF deeggaru. Ka lammataa, barreessota ESUE ka alaa fi biyya keessatti facaasamurratti sagantaan ENLF , akkasuma qabsoon isiillee akka beekkamtu ibsuu; sadaffaa, ESUE keessaa nama nuttti dabalamuu barbaadu karaa karaan waan dandayame maraan  gargaaruu; afraffaa, miseensonni ESUE, akka nama tokko tokkootti, dhoysaan oduu takka takka bakka nu hindandeenne biyya keessa , keessattuu magaallawan gara garaa, akka nuu geessan, akkasuma biyyarraallee akka nuu fidan yaaluu… Haile Fiddaa mataa isaatiin birokraatota Oromo warra lafii ib OLF ijaaran ka Finfinneen turan waliin jabeessinee akka hojjachuu dandeennu gorsa nuu kennee ture. Marxist, Leninist ta’ee akkamitti right wing namoota ta’an waliin hojjadhaa siin jedhee jettanii na hingaafatina. Maaliif hintaane? Why not? Politikaan amantii waaqaatiimiti! Siyaasaan akkuma haalli jiruu jijjiiramuun jijjiiramti. Laalcha sirrii ka haqa ta’e qofa ka hinjijjiiramne ( principles ).  Nu Oromoo keessaa warri maqaa amantii  Christaanaatii fi amantii  Islaamaatiin  maqaa waaqaa  jalatti dhokatee oli gaditti namatti  dubbataa ol’aantummaa barbaaduu, guddinnaan , galgalaa ganama mala kijibaa ka gara garaatiin dalagani jiraatan! Har’a wanni gabayatti hingurguramne hinjiru fakkaata. Haile Fiddaa Oromummaa ofii nama yaadaan guddisee jabeessu ture Dargi waliin dalaguun balleessaallee haa ta’u malee.

Waan asii olitti lakkaayerraa eegasii ka duraatii fi ka lammataa qofatu  hujirra oole.

Jidduma san warri lafii ib EPRP ijaaruu jiru, Birhane Masqal fa maqaa dhaaba takkaa jarjara guddaan labsanii Jazaa‘irirraa Dimashqitti nutti dhufan. Karaa tokkoon tokko haataanu nuun jedhaa, karaa biraatiin nuun waldoggomuu jalqaban. Warra ESUE akka diinaatti waan laalaniif nu waliin akka barbaadanitti hasawuu hindandeenne. Garuu  yaroo xinnoo booda Haile Fiddaa fa’a odoo nuun hinmari’atin yookanii nuu hinhimin utaalanii Dargitti galuun guddisee nu dinqe. Warri Birhane Masqal nu duruu dhugaa isinii himne jechuun guddaa gammadan. Dhugumaan qabsoo waraanaa gochuufillee akka jabaa socho’uu turan. Birhaane Masqalii fi ani yoo hedduu wal’agarree haasawa dheera  ifatti qabaachuu turre. Habashoota warra nu yaada bitaatti amanna jedhurraa nama akka isaa open, banamaa ta’ee dubbatu  hin‘agarre an. Garuu akka malee jarjaruu ture. Lafii ib Amaaronni warri EPRPitt galan waan inni Esayaasiif dalagu itti fakkaatee jennaan akka inni dhabamu godhan.

Waytuma san namni Tasfayee Taddasa jedhamu tokko Ka Beirutiin yoo san  ture bakka bu’a ESUE ta’ee yoo heddu nuun walqunnamtii gochuu ture. Eegasi warra ESUE ka dargitti gale afaanii fi barreessaanillee ifatti nubiratti abaaruu ture. Garuu Ji’a lama booda dhokatee dargitti gale innillee!

Miseensonni ESUE hedduun warri an Awroophatti qunname har’a hinjiran. Dargiin eega irraa hajaa bahe jara balleessuun waan beekkame.. Warri hafe hoo keessattuu Oromoonni maal ta’an? Namni waan kana hordofe jiraa…? Maal irraa baranna? Geegessoota ESUE irraa, haga an beekutti, namni har’a jiru tokko Nagada Gobazeeti.

Xiqqoo turree nu keessatti waldhabii gara garaatirraa ka ka‘e anaa fi namni biraallee tokko tokko haga tokko hujii  dhaabaa dhiifnee turre.

Jidduu sanitti Haji Hussein Suraatii fi Elemoo Qilxuu  qabsaayota Adaniin turan garii waliin waraanallee fe‘anii biyya seenuu dandayan 1973. Yaroo xinnoo booda  lamatti qoodamanii Adanitti as deebi’an. Haji Husseinii fi namoonni isa waliin turan waan tokko nuu himan; Bakaree fi warri isa deeggaru waan biraa. Yoma san walgayii miseensota ENLF ta warra ala turanii Adanitti  goone.. Bakaree fi warri isa deeggarullee walgayii  godhan.

Asirratti wanni tokko ka rakkoo ta’e: Elemoo Qilxuu Adanitti as deebii dhabuu isaa ture. Misseesonni ENLF guddinnaan Elemoo Qilxuutti amantii guddoo qabaachuu waan turreef waan keessatti argame isarraallee dhagayuu barbaannee turree. Bakaree fi namooni isa waliin turan biyya keessatti ENLFiin diignee dhaba Oromo ijaarre jedhanii dhiyaatan. Husseinii fi warri isa waliin deebi’an ka akka Abdalla Ismailii fi Luungoo lakki wanni akkasi hinargamne jedhan.

Bakareen maqaa dhaaba Oromootiin qabsoon waraanaa caracariit akka deemuu turte ifa godhe. Mootummaan Aden, eega dhukaasni qabsoo  beekamee, akka inni bakka bu’aa dhaaba haarawaa ta’e hinbeeiteef.

Xiqqoo turree Elemoo Qilxuutii fi qabsaayonni warri isa waliin waraana Adanii kaasanii biyya galchanii fi qabsaayonni biraallee ka nu hinbeeine qabsoo oddo godhan wareegamuun ifa ta’e.

Nu warri ala turre guddinnaan oduu malee waan biyyatti ta’e guutumatti beekuu hindandeenne haga dhumaattu.

Asirratti waa tokku jechuu na barbaachisa. Adeemsa keenna gabaabaa keessatti ani yoo tokkollee Hussein Suraatii fi Elemoo Qilxuu ka waan tokkorratti waldhaban takkaa hin’arginne. Waan dalaguu barbaadan mara jarri lamiin yoomaraa ofii walta’anii afaan tokkoon nuu dhiyessuu turan, gaafa ENLF labsinnelle. Namoonni tokko tokko, ka taa’anii waan tare qofa alanshuu hujii godhatan akka gaafuma sanuu Elemoo Qilxuu dhaaba Oromoo ijaarra, Hussein Suraa lakki dhaaba Itoophia ijaarra jedhee waldhabanii fakkeessan. Kuni dhara ta’uun beekkamuu qaba.. Gaafa sanillee yaanni jaraa dhibbaa dhibbatti tokko ture haga an beekutti:  Nu Oromoon ummatootaa cunqurfama maraa ofitti qabnee, sochoofnee ol’aantummaa Habashaa balleessuu dandeenna yaada jedhu qabaachuu turan. Elemoo Qilxuu yaada kana qabsaayonni Affarillee namoonni inni beekuu hedduun akka gargaaran naa himee ture Dimashqitti.

Wanni tokko ka nu eeguu hinturin ka waa tokko tokko  nuu qulqulleessuu dandaye ifa ta’ee argame:  Bakareen nama haga jahaa ergamoota dhaabaatii jedhe Aden seensisee mootummaa Yamanitti dhiyeesse. Kana waliinuu jaraa fi Bakareen xiqqo turanii  waldhaban. Achi booda jarri waan argame nu himuu fi akka itti waliin dalaguu dandeennu yaada nuu dhiyeessuu jalqaban. Jara san keessa Abboomaa fi nama har’a Galaasa Dilboo jechuun beekamutuu ture. Garuu Bakareen akkuma jarri nu waliin haasawuu jalqabaniin dirqamaan akka jarri Adanii ari’aman  mootumaa biyya sanii  gaafate. Dhaabni takka gaaffii dhaaba biraa keessa hinseentu waan jidhameef, nu jara  haga dandeennuun maallaqaan gargaaru malee waan biraa gochuu hindandeenne. Wanni jara irraa ifa nuu ta’e : ka duraa, Bakaree fi jarri guddinnaan mana  baroomsaattii fi waldaya dhoysaa ka Baaro Tumsaa fa’a geegessuu turan keessatti walbekuu fi qabsoon Oromoo  waraanan godhamuu barbaachifti yaada jedhu waliin qabaachuu yoodheeraa akka turan. Ka lammataa, yaroo sanitt Baroo Tumsaa fa’a qabsoo waraanaatiif qophaayaa akka hinta’in, akka hinbarbaadin, garuu  namoota akka jaraa hinqabsoofna waraanaan jechuu turan karaa karaan sakaaluu akka turan; ka sadaffaa, Bakareen Socho’a carcar jara irraa dhoysee eega qopheessee , eega Elemoo Qilxuutii fi qabsaayonnii isa waliin turan wareegaman booda dubbii akka jaraan gayee. Afraffaa, waan tareef dhiifama naa godhaa, fuulduratti waan tokkollee isiniin odoo walhinmari’atiin hingodhuu jedhee jaraa ballama seenuun isa waliin maqaa dhaaba Oromo ta inni lallabse fudhatanii , geegessa cehomsaa of keessaa  waliin filatanii dalaguu akka  walta’an.  Shanaffaa walta’ii sanirratti hundeeffamanii Adan seenuu jaraa. Akka jarri jedhanitti Bakareen odoo jaraan hinmari’anne ammallee Adanitti akka offi fedhetti waan mara  gochuu jalqabe. Geegessaa haarawallee flachurratti  killisootaa yamanii warra afaan Oromo dubbatu walitti waame qoonqa hedduun jara hinjifachuu yaaluu isaa nuu himan.

Waan kana yoo laalle Bakareen dhoysaan haada gara garaa waan guduumfe fakkaata. Ta’uullee dandaya.  Nama hamaallee fakkaata. Anaa fi inni 1973 wal’agarre. Waan inni naa hime maraa irraa ka’ee  yoolaale ani har’allee  Bakareen nama hama jechuu hindandayu mataa kiyyaan. Yaroo heddu ani waan dhibbaa dhibbatti itti amanu qofa dalaga naan jechuu isaa hinyaadadha. Bakareeni, akka amma an laalutti, dhugaa guddoo qabaachuu dandaya, . Garuu  namni tokko tokko dhugaan isaallee akka beekamtuuf ka hinbarbaanne hinjira.. Bakareeni dhugamaan  nama  goota ture.  Riiskii keessa seenee,  rakkoo  gara garaa fudhatee yaroo gabaabdu keessatti waa heddu dhugaa godhee ture. Namni akka isaa kun har’a odoo jiru cal’isuun na dinqa, odoo balleessaa feetellee qabaatee. Waan jiruuf waan argame maraa yoo fedhe har’a ibsuu hindandandaya, barbaachisaa jedhee yoo yaadee. Balleessee dhiifama ( I regret ) jechuullee dandaya. Warra oduu asii achii funaanee nama waljibbisuusuu fedhutti karaa muruu dandaya dhugaa himuun.

Ani mataa kiyyaan gabaabamatti Hussein Suraatii fi Elemoop Qilxuullee akka qabsaayota Oromootti laala. Namni karaa karaan walcaaluu hindandaya. Jarri lachuu nama guddisee ummata keennaaf dhukkubsatu turan. Wanni argamillee guddinnaan waan hammeennaaf godhmee miti natti fakkaata. Kanaafu wanni ani balaaleffadhu hinjiru . Namni qabsaayaayu yoma waldhabellee bareedaadha. Badiin har’a ka odoo dhugaan hinqabsoofnee taa’eetumaan afaaniin waldhabu yokaanii akka malee waljibbee walmormu asii asii miti. Waan nama qaanessu. Hedduun keenna nama ofhin’ulfeessine. Akkamitti qabsoo ulfeessina?

Waan amma asitti barreessu kana hinbarreessa moo hinbarreessu, ammatti waan kana kaasuun faaydaa qaba moo waa balleessa jedhee yoo hedduu ofgaafadhe. Lakki waan kana kaasuu hinbarbaachisullee jedhee yoo hedduu murteesse ani. Garuu namoonni tokko tokko, akkuma asii olitti jedhe,  karaa hedduun shakkii fi waljibbaa uumanii akka , ka biraa dhiisaatii, Oromoon Arsiitii fi Oromoon Harar wal’amantiin, garaa tokkoon walhammatanii har’allee waliin hinqabsooyne, oduu asii achii guuraa jiraatan. Kanaaf jecha waan kana kaasuun hinbarbaachisa jedhee irra deddeebi’ee yaaduun dirqama natti ta’e. Haata’uu malee waan kana kaasuun guddisee natti ulfaate. Ammallee natti ulfaata. Yaada gurguddaa yaaduu dhiifnee maaliif dubbii xixiqqoo gandaa ta diiggaa funaanna namni keenna  hedduun? Rakkoo dhugaa ta nu keessa jirtu waakkannee, ta hinjirre maaliif uumna?

Nu warri ENLF jalqabe hundinu ummatoota cunqurfamoota biraarraa nama akka barbaachisutti ofitti daballee duratti deemuu dadhabnee maqama Oromootiin dhaaba yoo ijaarre hinwayyuu yaanni jedhu nu  mara  keessa yoo heddu ka‘uu ture. Hata’uu malee, namni yaada kanarratti yootokkollee walmormee waldhabe haga an beekutti hinjiruu ture. Wayta san miseensonni garri irra jiran walgayanii ENLFiin dhaaba Oromootti gara haagalchinuu oddo ka jedhan taate anillee hindeeggaraa ture natti fakkaata, har’a yoo ufduuba deebi’ee laaluu.. Garuu dubbiin kun hin’argamne. Leenco Lataa Haji Hussein Itoophiyaa jedhee Oromummaa dura dhaabate jedhee maqaa nama balleessuu yaale. ENLF qabatamatti,dhugaa dubbachuuf, dhaaba Oromo turte jechuun hindandayama nama beekuuf, karaa hedduun. Habashootallee wanni akka malee jarjarsee sodaachise tokko kana. Oromoon maqaa Itoophiayytiin biyya qabachuu barbaaddi jidhanii rifatan. Nullee akkuma jarri godhan waan goonu itti fakkaate ta’a! Dhugatti nu ammoo sanillee akkasitti hinbarbaanne.

Kuni martinuu nama beekuuf waan himuu barbaachisuumiti. Garuu nama keenna heddu ofii fi nama biraallee sossobuun aadaa itti taatee jirti. Namni dadhabaan yoo maraa akkana. Warra ENLFiin waliin labsinerraa lafii ib nu jalqabumarraa ENLFiin odoo hinta’in dhaaba Oromoo haa’ijaarru jenne jedhee namni haaswu jiraachuun beekamaa… Namoonni yaada rakasaa.

1973 irraa qabee hujii dhaabaatti deebi’e ani. Haga 1995 gara irra jiru Adanitt gaafatama koree gaafi alaa na godhanii dalaguu ture. Mootummaan Aden dhiibbaa Russiatiin Dargii fi nuhi walitti araasuu yaala gochuu jalqabde. Haji Hussein fa’a waan kanaaf jecha yoo dheeraa Adenirraa fagaatani turan. Nu warri achi turre qabsaayota keenna karaa karaan Adenirraa baasuu jalqabne. Dhumatti anaa fi Abdul Hafiz Abdalla, gaafatamaa koree informeeshiina, qofatu Adenitti hafe, dhiibba motummaa yamaniittiin.

Bakka gaafatamaan mootumma Aden jirutti ergamtoota Dargiitiin ( geegessaan nama MAISON ture) walqunnamti goone. Wayta agendaa lafa keennu duraan dursee gafiin Ertiraa  akka agenda keessa ooltu barbaadani.  Akkuma nu laalcha keenna itti himneen waan geegessaa jaraa hinta’in martinu aarii cimtuun ol’utaalanii isinii diina ummata Itoophiyaati jedhanii iyyani, nu abaaran! Geegessaan jarana akkana hinta’inaa  please jedhee olka’ee Afaan Amaaraatiin jara odoo kadhatuu! Namicha san ji’a tokkoo odoo hingayin Dargiin ajjeefte.

Wakilli mootummaa Aden ka achi nu waliin ture balleessaan ka jaraatii nu Dargitti dubbannee,  ergamtoonni biraa akka dhufan goonaa hagasii isin biiroo teesanitti deebi’aa, nu eegaa nuun jedhe. Gaaf tokko galgala Abdul Hafizii fi ani teennee odoo Radio caqafnuu sekuuritiin biyya sanii biiroo nu fuudhani mana hidhaa ka dukkanaattii nu darban. Ganama akkuma aduun baateen Aden Airportitti nu darbarsan. Ethiopian Airways taa’ee nu eeguu ture. Garuu nu qaata lafa jala haala keenna bakka bu‘oota dhaabii PLOtii fi ta birraallee beeisifnee waan turreef haala keenna hordofuu turan.

Mootummatti afaan tokkoon dubbatani akka Kuwaititti baanu nu godhan. Bakka bu‘oonni  PLOtii fi ka  Ertiraa warri Kuwait turan akka Kuwait seennu nu qarqaaran. Haga xiqqotti du’a jalaa baane.

Akkanatti  misseensonni gara gara facaane. Dhuma- the beginning of the end- jechuun hindandayama. ENLFfii fi dhaabdi Oromo haarofni ta dhukaasa qabsoo carcar irraa labsamtille walumaan waan ta’an ta’an jechuun hindandayama. Kanaamiti namni jedhee amanu dubbadhaa, isin caqasaa. Waan tare akka aadaa Habashaatti dhoysuu dhiifnee, ummata keennaa dhugaa himuu haabarannu. Balleessaa tarte irraa haa barannu, surrii teennatti dalaguun.

Lafii ib akka odeessanitti warra Adenii Somaaletti darbaman , jechuun, Abbooma fa’a guddinnaan  Mootummaa Somaleetii fi OLFituu waliin ukkaamsan jedhama. Galaasaa Dilboo waan ta’e hinbeeka. Garuu akkuma jedhe nu  aadaan ol’aantota Amaraa ta waan mara dhoysuu waan nafa keessa nu seenteef cal’isuu flanna  hedduun kenna..

Irra haa deebi’u:Waaan argame mara anatuu beeka kunoo laala, ilmaan Oromoo, ana qofatu dhugaa beeka,  dhugaan akkana fakkaatti jechuufiimiti wanni waan kana mara barreessuuf..Ammallee gaafiwwan asirratti kaaterraa waan ani hinbeeinetuu irra guddaa.

Gaafiin amma  nu keessaa namni of ulfeessu martinuu kaasuu barbaachisu garuu: Oromoon guddinnaan haga yoom mataa isaa lafatti cuqqaalee cunqursaa fudhatee , cal’isee jiraata gaafi jettu. Maaltu gara irra jirru ummata laamshayaa nu godhe? Maliif waaqa akka ilma namaatti ulfaata godhee nu uume saalfachuu dhabne? Waan tare alanshuu warra baraterraa haafagaannu! Mataa olqabannee karaa dandeennuun, waan dandeennu maraan  amma haa qabsoofnu jechuufi. Haga hafuurri nu keessa jiru. Little drops of water, little grains of sand, make the mighty ocean and the wonderful land jedhama. Namni afaan Oromootiin geerraruu dandettan jecha kanaa afaan keennatti gara naa galchaa! Waan birallee gochuu yoo dadhabe abbaan fedhee na haa jibbuu dhugaa  natti mul’attu dubbachuu hindadhabu. Haga jiru.

Namni Oromumma akka amanti rabbii yookaani dogmaa godhatee akka awraadaa isiin tasbee lakkaayu, waan Oromummaa malee waan biraa hinhaasofnee, glagalaa ganama tokkuummaa , tokkummaa nu barbaachisa jedhee  mantra dubbatu marti akka dhugaa hindubbanne, yookaanii  akka hinqabsoofne hinbeeina, walitti himuu nu hinbarbaachisu.

Ummanni martinuu haala isaan maluun ( deserve Godhuun ) jiraata jedha warri seena barreessu tokko tokko. Oromoon haalaa ofiitiif duraandursee ofmalee wanni aalatu jiraachuu hinbarbaachisu, walumatti qabatti. Wanni beekamuun barbaachisu: Eega tokkummaan argamtee miti ka namni qabsaayu. Eega qabsoon argamte ka tokkummaan argamtu. Tokkkummaa dhugaa  qabsotuu argamsiisa malee arrabaa fi hawwi qofaa miti. Wayyaneen odoo  nu Oromoon teennee, guddinnaan,  arrabaan dubbannu biyya saamuu, ka fedhe hidhee ajjeesutti jira. Tuffii ol’aantonni Tigrai ummata keennaaf qabdu hujiin  cabsuun dirqama, yoo ka ofulfeessinu, adduniyaanille akka nu kabajju ka barbaannu taate. Ummata ofhinkabajne adduniaan hinkabajju yoomuu. Adduniyaa keessatti har’a warra nu mooyatutuu ulfinna nurra qaba. Nama of salphisu namuu irraa dheessa. Akka nama tokko tokkoottuu kana hinbeeina.

Ummata Oromoo keessa haala gara garaattu jira. Yoo tokkotti Ummanni Oromoo martinu waliin haa qabsaayu jedhee namni eegu nama ofittii fi ummatattille  dhugaa hinhimne jedhee laala ani. Ummata keennarraa warri dhugaan  qabsaayuu barbaannu ka qabssaayuu hinbarbaanne teennee haga inni of beekutti eeguu hinqabnu.Isa waliinillee teennee yaroo guddoo gubuu hinbarbaachisu.Tole tole gooftaa koo jechuu waan barateef fuula hinqabu:Nama surriin yoo dheeraa gabraaye  blisummaa isaatiif akka qabssayu gochuun taphaa miti. Amantiin Islaamaa balleessaa fi dadhabbinna feetellee yoo qabaatte xiqqaate xiqqaatee akka nu ol’aantota warra Habashaatii surrii fi qaamaanillee gabra hintaane, mara keennallee ta’uu baatu, hedduu keenna,  gootee jirti.  Haa galatoomtu. Barreessa tiyya” from my beliefs” keessatti waa heddu ka waan kanatti rarra’u haga dandayuun ibsuu yaalee jira. Asitti irra deebii na hinbarbaachisu. Ulfaadha.

Leave a Reply