Ganda Oromo

Abbaa Aman : Nagayaa jarana ( alaa olseenaa )
Hasan : Isin hingayu
Abbaa Aman: Isin maalli?
Hasan : Bunna fixannee isin hingayu jechuu kiyyaa baraa.
A. Aman : Yoo namni nagayaa jedhe bunni isin hingayu namaan jedhanii?

Aasha: ( Booroo as bayaa ) Akkam oltan Abba Aman: Buna hindhaabnaa godha
A. Amaan: Nagayaa lafee tiyya? Buna dhugee dhufee hinyaadin. Xiqqoo gad erkachuu
barbaada ( madabirra gad erkataa )” Nagaya jirtanii” fi ” Bunni nagayaa”

 

jechuunillee afaan keennatti……
Hasan: Afaan keenna qilee hunda hinqabnee baraa.
Gada: Afaan keennatti taphataa baraa namichoon kuni.
A. Aman : ( Oljedhaa ) Afaaniin taphachuun gaarimaa, intala bareedduu sii goona
Qaadhimaa ( manni martinu hinkolfa )
Hasan: ( Gada laalaa ) Sila akkanumaan saalfachiftan moo waa agartaniif?
Abbaa Amaan : Maaliif saalfata.? Guyyaan ka isaati. Atu hinsaalfannee gafa kee.
Gada: Inni saala hinqabuu bara. Rabbituu irraa fuudhee.
Nadhi: ( Obboleetti Gada , teettee kutaa haarawa footi ) Amma waan qilee dhiiftanii waan
bareeda dubbachutti jirtani. Ati Hasan yoomaraa waan qilee malee
waan biraa hindubbattu.
Hasan: Ammallee waan qilee quxalee dubbachuu barbaada, qilee seenaa qabdu.
Aasha: Namni qilee quxalee afotti guddate waan isii malee waan biraa hinhaasawu
Jedhama.
Gada: Qilee quxalee allaattiin irra hinbarartulle jedhama.
Nadhi: Kuni waan ujoollee daa’imaa himani.
Abbaa Aman: ( Xiqqoo muganii ija banatan) Afaan qilee nama buusallee jedhanii
hindagatina.
Aasha: Hindagannuu, hirriiba isin dhoogginee miti?
A. Aman : Yaadatuu hirriiba nadhoogge. Isin haasawaa. Ani qilleensa fudhadha(baha)
Hasan: Ofitti, walitti (ofiin dubbata fakkaata ) odoo amannee (ol laala)…
Aasha: Mee amma dhugaa dubbadhu. Afaan keenna maaltu qilee godhe?
Nadhi: Qileen ree qullaa jechuumiti?
Gada: Yaa rabbii qullaa nu hingodhin!
Hasan: ( Olka’ee asii achi deema ) Numatuu qilee godheka,. Dubbiin midhaan
nuutaatee, isima teennee shigidna. Hansaraan ija nu balleesse. Waan fuula
dura nu jirulle hin’agarru . Odoo hawwii teennarra harkuma shan
hujiin, afaaniin odoo hinta’in, mulifnee silaa gandi keenna magaalaa barwaaqa
ta’a.
Gada:
Amma Afaan Keenna afaan baromsa ta’ee Maal barbaanna!
Nadhii: Maal barbaanna! Dhugaa jette! Amma afaanuma keennaan sossobamna.
Hasan: Anillee qilleensa fudhadhaa, mee haasawa.( baha )
Gada, Nadhi, Aasha: ( Walbira ) Nullee qilleensa fudhanna!

Nadhii: ( eega ala bayanii deemaa ) Sila amma maal haagoonu jitta ree ati?
Hasan: Ani dhugamatti qulla ta’uu odoo dandeennee jedha.
Aasha: Akka qilee!
Gada: Yookaanii akka quluu bunaa!
Hasan: (kolfaa) Yokaanii akka qilleensa qulqulluu kanaa. Maaliif qullaa ta’uu nu
barbaachisa isinitti fakkata?
Gada: Mee jedhi kaa!
Hasan: Isiniin jedha ( karaa tokkoon Gadaaf Nadhii , karaa biraatiin Aasha jidduu
seenee harka ceekuu jaraarra kaayataa ). Yaada xuraayaa ofkeessaa
gad dhangalaafnee akka yaada haarawaaf bakka qabaannuuf, akka
haarawoomnuuf. ( Martinu takkaa hincal’isan. Tasaumatti). Amma mee haasirbnuu
takkaa.
Afaaniin taphachuun gaarima. Na waliin…
Martinu waliin: Afaaniin taphachuun gaarimaa
Afaaniin taphachuun gaarimaa
intala bareeddu sii goona qaadhimaa.
intala bareedduu sii goona qaadhimaa.

 

Leave a Reply