Foon kiyya nyaatte

Tapha dhugaa, ka’i mugaa

Abbaa Tolaa: (  eega nyaatarraa bayanii ) Nyaata gaarii gootan kaa

Haadha Zahra: ( biddeena  olfuudhaa ) Haga Dabrituu teessasnii hingoonu

A. Tolaa: Keessantu caala

Abba Zahra: Mee amma buna dhuuyna

A.  Tolaa: Nyaata booda akkuma atuu beektu buna hindhugu ani. Deemee waan kiyya san liqimsuu fedha. Amma bishaanuma natti kennaa.

H. Zahra: Waan keessan nu hinqabnuu maal goona ree?

A. Tolaa: Baga hinqabaatinuu. Anuu yoo tokko tokko  malee dhiisuu barabaada.

A. Zahra: Yoo dandeette dhiisi abboo

A. Tolaa: Ati caatii tee qabda

A. Zahra: Bari ani caatii amma ji’a tokkoo oli afaaniin hinqabne. Dhiisuu kiyya, yoo rabbi jedhe. Mataa gara na galchite.

A.  Tolaa: Nu namni waan feene ofumaa goonee, ” yoo rabbi jedhe ” jenna.

H. Zahra: Dhugaa keessani. Amma waggaa gayee jira haga ” yoo rabbi fedhe…”

A. Tolaa: ( H. Zahraatiin ) Amma ji’a tokko eega dhaabee asi gaarii mitii?

H. Zahra: Gaarii gaarii

A. Tolaa: Ani yoo tokko guyyaa sadi walitti aansee caatii nyaadhee, ( qubaan akeeka ) Mataa qofaa mitii asii gad na laamshissite.

A. Zahra: Caatiin nama hinlaamshessituu wama biraa yootaa…

A. Tolaa:Akkam! na laamshissite , dhugaa kiyya…( harka afaanirra qabate achi jedhee A. Zahraatti waa hasaasee kolfa)

H. Zahra: Sila maal nurraa dhoysitan?

A. Tolaa: Homaa miti waan biraati, haaahaha!!

H. Zahra: Isinillee adaa nama sossobdani?

A. Tolaa: Lakki lakki!! Dabrituun ati dhiiraamiti naan jette.

H. Zahra: Ee banne!

Huseen (mucaa xiqqaa ): Eeeeehiiiiiii

A. Tolaa: Maali abichoo maaliif bootta?

Huseen:( Obboleetti isaatti akeekaa ) Foon kiyya nyaatteeehiiieeeh!

H. Zahra: (huseeniin ) Foon keetiimiti foon lukkuu nyaattee cal’isi Amma

A. Zahra: Mee waa itti kennaa nurraa haa cal’isuu

H. Zahra: Ila hoo’u kana (huseeni baafte waa keenniti . Zahraan) Sila ati ka isaa maa nyaatta intalaa?

Zahra: Yoo namni nyaatu nama waliin hinnyaatuu, eegasii taa’ee namaan cuuleffata

A. Tolaa: (Zahraan ) Ati cululleedha kaa ( kolfaa ). Mucichii (ol laalaa ) dhugaa jedhe. Ujoolleen dhugaa dubbatti. Namni har’a foon walii nyaata.

A. Zahra: Keessattuu ka waliin hinyaanne.

A. Tolaa. Dhugaa keeti.

Zahra:  Aaah! (Huseeniin ) Maa na boccoorta?

Leave a Reply