Maal eeina guyyaan gayee

Maal eeina guyyaan gayee

Mala walii walii haa murruu

Maal eeine duumessi taree

Alaa ala waliin haa bulluu


 

Nama hingaafadhuu xiqqo duraanuu beekaa

Lama nama hin’aaladhuu duraanuu eegaa

Halkanii fi guyyaan waliin jiraa

Garaa fi duuydi walii firaa, firaa

Xiqqaa fi guddaan waljaalataa

Fagoo fi kaluun walgaafataa

Uumaan walkeessa jirraa

Quufaan wal’eessa finnaa?

Sodaa, shakkii, badii

Tarii tarii odaa gadii

Marii naa himii

Galii naa cimii


Maal eeina guyyaan gayee

Argaa waliin haa cimnuuu

Maal eeine asii duumessi taree

Dhugaa gadi oolii walii haa himnuu

 

Ka kana didee maal fidee,

Ka kanarraa gore maal horee,

Dhararraa cal’isuun kophaa hanbisuu

Waliin kufnaa waliin kaanaa

Waliin dhufnaa waliin baanaa

Waan hineeine ani maa lallabsaa

Waan hinbeeine anii maa daddabsaa

Galee of haa ijaaruu badhee ofhaa ilaaluu

Offitti haa kolfuu namaaf haa obsuu

Aadaa fudhadhee ganda ofirraa dhaabee

Farda yaadee marga waabee, nama saabee

Haada gabrummaa ofirraa muraa

Badduu aadaa ofirraa furaa. furaa

Maal eeina guyyaan gayee

Marga walii haa murruu

Maal eeina duumessi taree

Daima walii haa ulluu


 

 

Dhugaa dhagayee maa hinrafnee

Dhugaan maganii maa hindafnee

Dubbiin xiqqoon naaf gaarii

Qilleensa oofuun naaf aarii

Yaada alaa hin’uffadhuu

Yaada namaa hintuffadhuu

Waaqa ofkeessaa nutti hin’aarinii

Dhaaba  ofkeessaa nutti hinqaawinii

Qaawa nurraa cuftuu, cuftuu?

Dhiisaa dhaaba gubbaa dhuftuu.

Jalaan olkaasaa Kaasaa

Gubbaan olbaasaa baasaa

Maal eeina guyyaan gayee

Marga walii haa murruu

Maal eeina duumessi taree

Adda waliin haa turruu

Jiruun tiyya hintartii

Gaafiin tiyya hinbaddi?

Waan hintarre faarsii

Ibidda jibbaa dhaamsii

Maaltu na cunqursaa

Maaltu na dhukkubsaa

Maaltu  na hurgufsaa

Sowraan jiruu ka’ii truu

Sowraan jiruu ka’ii truu


Ofii olii mootummaa hinsagadin

Ofii gadii gabrummaa hinkabajin

Qabeenni badaan nama hinkaasuu

Jabeenni hamaan nama hinbaasuu

Waan jaappaanitti ta’utti jiru sii kaasuu?

Dubbii adii ol sii baasuu ol sii baasuu?

Dimokraasii dhugumaan beeitaa?

Obaamaa dhugamaan eeidaa?

xiqqaa mallasii

Guddaa akkasii

Nuclear powers

My dictators

Are my dictators.

Ka yoo mara waa alaa eegu

ka yoo mara sehu waan waa beeku

Ka bakka inni dhaabatu aslimaa hinbeeine

Ka asiif achi, asiif achi cehu ka bakka hingeennee

Beekii eegi  beekii deegi beekii egii deegi

 


Yoo feete maallaqa  gabbarii argii

Achiin   hinbadini  olbahi  margii

Hinsodaatin wanni martinuu hintarti

Hinsodaatin wanni jaalaa hinhaftii ii

Hin rifatiin hinmufatin  homaa hinjirani

Hingufatin hinbutatin homaa hinfidanii

Yoo asdura waa balleessitee of hin’aalatiin

Waan ammaatii fi waan boruu malee ofhingaafatin


 

Waan galaa naa dhaamii

Waan falaa naa waamii

Waan nafaa natti hinkaasinii

Waan hamaa natti hincaasinii


Dhugaan ofiin mul’attii

Mucaan ofiin guddattii

Wanni ani godhu hinjiruu

Isii  gargaaruu malee tiruu

Maal eeine guyyaan gayee

Marga  walii haa murruu

Maal eeine duumessi taree

Mee aala waliin haa bulluu

Tulluu daawee si jaaladhaa

Murtii sheeka baalee si gaafadhaa

Maal eeina guyyaan gayee

Maal eeina  mucaan bayee

Ujoolleen ofbeeitee akka jabaa gad dhiisaa

Yoo bubbeen jabaatte akka margaa gad ciisaa

Maal eeina  guyyaan gayee walii haa dhiifnuu

Maal eeina duumessi taree asii haa siiqnuu

Maal eega ani guyyaan gayee

Maal beeka  ani waan mucaa ta’ee

Sowraan jiruu ka’i tiruu

Sowraan jiruu ka’ii truu

Jaarraa haarawa keessa jirraa

Haalaan gad buute birraa, birraa

Sowraan jiruu ka’ii

Sowraan jiruu bahii

Sowraa ofkeessaa

Sowraa ofii alaa

Nahimi yoom biyyatti galaa

Nama shantu torbatu amanamaan waakaasaa

Namni shan torba beekaan owraa owraa

Kumatu waa baasaa kumatu waa caasaa

Kumni heddu dhaabaa kumni dowlaa

Millioonni jijjiirama millionni sowraa

Millioonni jijjiiramaa yaa mowlaa

Kumaan kumaan ka akka Kumaa maal baratee

Dhumaan dhumaan akka Abbaa Duulaa maa dhalatee

Sowraa nagayaa

Sowraa dhagayaa

Jiruun isin badhaaftii

Yookaanii isin abaartii

Sowraa nagayaa

Sowraa dhagayaa

 

 

 

Leave a Reply