{"id":81,"date":"2011-04-24T08:12:39","date_gmt":"2011-04-24T08:12:39","guid":{"rendered":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/2011\/04\/24\/akka-waraabessa-madaayee-madaa-ofirratti-nyaattani\/"},"modified":"2011-04-24T08:12:39","modified_gmt":"2011-04-24T08:12:39","slug":"akka-waraabessa-madaayee-madaa-ofirratti-nyaattani","status":"publish","type":"post","link":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/2011\/04\/24\/akka-waraabessa-madaayee-madaa-ofirratti-nyaattani\/","title":{"rendered":"Akka waraabessa madaayee, madaa ofirratti nyaattani"},"content":{"rendered":"<p>Dadhabbii fi balleessaa nu keesssa jirtu qofa calanqiisuu qofa odoo hinta&#8217;in akka karaa haarawaan itti of ijaarree qabsoo teenna itti jabeessinuu yaaduu<\/p>\n<p>  <!--more-->  <\/p>\n<p>fi gochuun dirqama. Duratti socho&#8217;uu nu barbaachisa akka hama.\u00a0 Garuu waan nu keessaa qabsoo teennatti akka hamaa gufuu ta&#8217;e yoomaraa dhoysuu nu hinbarbaachisu. Hadhaa nutti dhagayamtullee karaa karaan calanqiisuun garii natti fakkaata. Mee irra deebine waan Bulloon jedhuu haa laallu.<\/p>\n<p><span style=\"text-decoration: underline;\"><br \/><\/span><\/p>\n<p><span style=\"text-decoration: underline;\">Akka woraabessa madaayee, madaa ufirratti nyaattanii<\/span><\/p>\n<p><span style=\"text-decoration: underline;\"><br \/><\/span><\/p>\n<p>Ooltanii uduu hinbulin<\/p>\n<p>Kakuuf hurbuu gantanii<\/p>\n<p>Akka Woraabessa madaayee<\/p>\n<p>Madaa ufirratti nyaattanii<\/p>\n<p>Oromoo waakkattanii<\/p>\n<p>Amaaratti irraa galtanii<\/p>\n<p>Kunoo isinii himnee<\/p>\n<p>Waa itti hinmilkooftanii<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p>Harkaa isin faca&#8217;ee<\/p>\n<p>Dharti xaxaa turtani<\/p>\n<p>Oromoon Xophiyaa diddee<\/p>\n<p>Amma akkam taataanii<\/p>\n<p>Silaa sammuma kanaan<\/p>\n<p>Nu hoogganuu feetanii?<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p>Asirrattii dhaabuu fedhaa<\/p>\n<p>Ammaaf dubbii keessani<\/p>\n<p>Yaadachuun natti-dirqamaa<\/p>\n<p>\u201cHoggana\u201d Minisootaa san<\/p>\n<p>Wereegamtoota lubbuu<\/p>\n<p>Sabaaf jecha kennan<\/p>\n<p>Gootota lafeen isaanii<\/p>\n<p>Bosona Minisootaa guutan<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p>Wereegama hadhayaa<\/p>\n<p>An-takkumaa waa argee<\/p>\n<p>Gootota lafeen margii<\/p>\n<p>Minisootaa irratti marge<\/p>\n<p>Yaa Bosona Minisootaa<\/p>\n<p>Dachii bishaan hinqabne<\/p>\n<p>Udumee diinni guute<\/p>\n<p>Sinbir-sareen keessa h&#8217;baane<\/p>\n<p>Ka gaafa duulaa galtu<\/p>\n<p>Oduu isaa fixxee himne!<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p>Yaa &#8220;Hoggana&#8221; Minisootaa<\/p>\n<p>Biyyeen ana haa nyaattuu<\/p>\n<p>Biyyaaf biyyee taataanii<\/p>\n<p>Qabsoo hidhannoo gootuu<\/p>\n<p>Kuffiftanii kuftanii<\/p>\n<p>isaan yaadachuu hindhiisuu<\/p>\n<p>Seenaan bara baraanii<\/p>\n<p>Siidaa jaaruufii qabnaa<\/p>\n<p>Akkamitti ilaaltanii?<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p>Hajaa Alaa nutti filtee<\/p>\n<p>Bineensa nyaatee h&#8217;qufne<\/p>\n<p>Ka ganama kakatu<\/p>\n<p>Ka galgala waakkatu<\/p>\n<p>Ka safuu waanii h&#8217;beene<\/p>\n<p>Ka xuuree hin laallanne<\/p>\n<p>Harraagessa ganda keessaa<\/p>\n<p>Ka qawwee argee hinbeenne<\/p>\n<p>Balaccuu akka loonii<\/p>\n<p>Ka garaabaa h&#8217;furmine<\/p>\n<p>Maqaa keetiin kadhataa<\/p>\n<p>ka-takkaa hujjee h&#8217;beenne<\/p>\n<p>Ka wollaala keessallee<\/p>\n<p>Dhugaan afaanii h&#8217;baane<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p>WBO nyaata dhoggatee<\/p>\n<p>ilfinyii keessa ciisaa<\/p>\n<p>Jijjiirama sobaa labsee<\/p>\n<p>Hawaasa addaan baasaa<\/p>\n<p>Maqaa kankeetiin saamee<\/p>\n<p>ittiin uf-qananiisaa<\/p>\n<p>Bakka sokketti-deebee<\/p>\n<p>Tokkummaa jedhee labsaa!<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p>Afaan hara sinqabuu<\/p>\n<p>Guyyaaf halkan qamaataa<\/p>\n<p>Gaafa sitti tole, AFD ta&#8217;e jettaa<\/p>\n<p>Jaalala bira-kuttee<\/p>\n<p>Alabaa jaraa uffattaa<\/p>\n<p>Bara dheeraaf, Oromoota dhamaaftaa<\/p>\n<p>Guyya guyyaa Oromoo<\/p>\n<p>Halkan Amaara taataa<\/p>\n<p>Amma kunoo qulqullooftee<\/p>\n<p>Haga Tigiree biyya dhaalchifte<\/p>\n<p>Haga lafee nu cabsite<\/p>\n<p>Haga nu bittinneesite<\/p>\n<p>Haga woraana facaafte<\/p>\n<p>Haga Hawaasa woliin dhoofte<\/p>\n<p>Abashootaan Araaramuuf<\/p>\n<p>Caliin Calanqoo soba jettee<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p>Ah!\u00a0 bar siwoliin rakkannee<\/p>\n<p>Akka dhibee dawaa h&#8217;qabnee<\/p>\n<p>Bitaafi mirgatti daaxxaa<\/p>\n<p>Akka saree maraattee<\/p>\n<p>Asiifi achi guluftaa<\/p>\n<p>Eentu eennuun irraa fottoqa jettaa<\/p>\n<p>Ufii Amaaroftee Saballee garas dhiibdaa<\/p>\n<p>Seenaa keenna nu-waakkattaa<\/p>\n<p>Harkaa fi Harma muraan Aanolee<\/p>\n<p>Soba, h\u2019turre, dhara jettaa<\/p>\n<p>Abashoota jalaa guluftaa<\/p>\n<p>Duddaan gadi godhattee<\/p>\n<p>\u201cAbeeti Geetayee!\u201d jettaa<\/p>\n<p>Dubartootaaf marga qabnee<\/p>\n<p>Itillee aftaafi fakkaattaa<\/p>\n<p>Harca\u2019aa funnaannattaa<\/p>\n<p>Feetu Ginboot 7n taataa<\/p>\n<p>Afaan kankee wollaallee<\/p>\n<p>Adiin gurraacha jettaa<\/p>\n<p>Cadhisuullee \u00a0dadhabnee<\/p>\n<p>Maqaa keennaan daldaltaa<\/p>\n<p>Garaabaa kee irra ooltee<\/p>\n<p>Boru maaliin gaddeebittaa?<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p>Nama siin jechuuf<\/p>\n<p>Woraabesiffoo yaaddaa<\/p>\n<p>Woraabessa siin jechuuf<\/p>\n<p>Miila lamaan adeemtaa<\/p>\n<p>Maal jennee haa si waamnu<\/p>\n<p>Maqaa kan kee nuu himtaa?<\/p>\n<p>Yoomuma akka namaa<\/p>\n<p>Waan jette&#8217;rratti argamtaa?<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p>AFDti lammata hindeebu jettee<\/p>\n<p>Sobaan lafa-haxooftee kakattee<\/p>\n<p>Goobana Daacee busheesitaa<\/p>\n<p>Atuu Goobana caaltee<\/p>\n<p>Bakka jirtuu dhiittee baatee<\/p>\n<p>Worraaqaa uf fakkeesitee<\/p>\n<p>Shanee-Gumii arraba itti roobsitee<\/p>\n<p>Akka waan Shanee caaltuu<\/p>\n<p>Bulguu gootee dhiheesitee<\/p>\n<p>Arraba\u00a0 isaan fakkaatu<\/p>\n<p>Farra QBO ta&#8217;uu\u00a0 isaanii ibsu<\/p>\n<p>Kan shira isanii ifa baasuu<\/p>\n<p>Gaangee hindhalle jettee<\/p>\n<p>Nu duraanuu nibeennaa<\/p>\n<p>Nuuf dhuga&#8217;oomsitee<\/p>\n<p>Gaangee hindhalle ta&#8217;uu<\/p>\n<p>Itti mallatteesitee<\/p>\n<p>Chaabbaa&#8217;rratti rukutte!<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p>Ajaa-iba rabbii<\/p>\n<p>Afaan kiyya haacituu<\/p>\n<p>Dubbii ima argite<\/p>\n<p>Gaangeen hindhaltuu<\/p>\n<p>Tana dhugama jette!<\/p>\n<p>Ati waa dhugaa hinbeettuu<\/p>\n<p>Tasa \u00a0irra sii buute<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p>Dhala gaangee teennaa<\/p>\n<p>Haga yoom teennee eennaa<\/p>\n<p>Bara dheeraaf eeggannee<\/p>\n<p>ilmaa fi dubartii itti dhabnee<\/p>\n<p>Bitimaa itti cufannee<\/p>\n<p>Dureessi itti hiyyoomannee<\/p>\n<p>Oromoo isaan seenee<\/p>\n<p>Adaa diina uf irratti moosifnee<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p>Afaan keenna loqonnaan<\/p>\n<p>Dhiiga Oromoo qaban seenee<\/p>\n<p>Adaa ma&#8217;iisooni fi ici&#8217;aatiin<\/p>\n<p>Akkasuma ihaapaa<\/p>\n<p>Galaafattoota Baaroo Tumsaa<\/p>\n<p>Bara dheeraaf saan-baadhannee<\/p>\n<p>Kunoo amma itti beekkannee.<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p>Akka waan Shanee caaltuu<\/p>\n<p>Gaangee hindhalle jettee<\/p>\n<p>Nama gaangee shanetti baase<\/p>\n<p>Kijibaan dhamaaffattee<\/p>\n<p>Isaa aangoof amuummatuu<\/p>\n<p>Amoolee afoo qabdee<\/p>\n<p>Biyya taatu harkaa h\u2019qabduu<\/p>\n<p>Dirree lolaa keessa hinjirtuu<\/p>\n<p>Jiruu baqaa ka oofattu<\/p>\n<p>Guyyaa adiin sa-boojitee<\/p>\n<p>Barcumaa fafaa irra teessiftee<\/p>\n<p>Mukkure aanne\u2019e!<\/p>\n<p>Kabajaa irraa mulqite<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p>Maaluma itti himtaa<\/p>\n<p>Oromoota Jorjaattii<\/p>\n<p>Maaluma himta Sabattii<\/p>\n<p>Maaluma itti himtaa<\/p>\n<p>Oromoo Denverittii<\/p>\n<p>Dhaqqaboo gaafa rakkoo<\/p>\n<p>Ka ta\u2019an WBOf irkoo<\/p>\n<p>Ka gaafii si hingaaffanne<\/p>\n<p>Qabsoon Sabaa<\/p>\n<p>Deemtee deemuu dhabdee<\/p>\n<p>Ka shakkii sirraa h\u2019qabne<\/p>\n<p>Ka da&#8217;imnillee buusii baasu<\/p>\n<p>Ka ijoollen maxaanxee<\/p>\n<p>Qawwee hidhachuuf si rakkisu<\/p>\n<p>Arjaa galaana lubbuu kenne<\/p>\n<p>Ka ulfi garaa jiru miseensaa<\/p>\n<p>Ka jaarsaaf jaartii hinjenne<\/p>\n<p>Arjaa hurgufataa<\/p>\n<p>Ka bikka kenne hinbeenne<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p>Namni garaa waa si nyaatuu<\/p>\n<p>Ati Buluguun dhalattee<\/p>\n<p>Yaboo isaanii nyaattee<\/p>\n<p>Bineensa lugaama hinqabne<\/p>\n<p>Jawwee nama fakkatu<\/p>\n<p>Nyaattee isaan fixxee<\/p>\n<p>Dhalee WBOf kenname<\/p>\n<p>Akka waan kankee ta&#8217;ee<\/p>\n<p>Diinaggee irraa dhaabdee<\/p>\n<p>Miseensa miliquun aadaa teetii<\/p>\n<p>Tigree woliin marii gootee<\/p>\n<p>WBO kaloo keenna kaloo sabaa<\/p>\n<p>Ooftee\u00a0 diinaa galchitee<\/p>\n<p>Imimmaan saba keennaa<\/p>\n<p>Miila ittiin dhiqatte.<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p>Akka waan worraaqaa taatee<\/p>\n<p>Shanee keessa dhiittee baate<\/p>\n<p>Akka waan Shanee caaltuu<\/p>\n<p>Gaangee hindhallee jettee<\/p>\n<p>Ati kaa taadhiin keenna<\/p>\n<p>Bilisummaa dorrobdee<\/p>\n<p>Dhaluuf bakka barbaaddee<\/p>\n<p>Dorroba lafaan geettee<\/p>\n<p>Woggaa lama keessatti<\/p>\n<p>Akka dhaltu sabaaf himtee<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p>Ati kaa bilisummaa dorrobdee<\/p>\n<p>Bilisummaa dorrobuu labsitee<\/p>\n<p>Bookkiftee lafa guuttee<\/p>\n<p>Woggaa lama keessatti<\/p>\n<p>Diina woraana jettee<\/p>\n<p>Shakkii tokkoon maletti<\/p>\n<p>Sabaaf waadaa aseentee<\/p>\n<p>Maal dhalina laata<\/p>\n<p>Jettee uduu h&#8217;shakkin<\/p>\n<p>Adii baatee uf lallabdee<\/p>\n<p>Bakka hingeenne uf geessitee!<\/p>\n<p>Ee banne!<\/p>\n<p>Gaangee gaagee uduu jettuu<\/p>\n<p>Atilleen gaangiffoo maseentee?<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p><span style=\"text-decoration: underline;\">Dhaamsa isa dhumaa<\/span><\/p>\n<p>Dhala gaangee teennaa<\/p>\n<p>Haga yoom teennee eennaa<\/p>\n<p>Oromoon hundii keennaa<\/p>\n<p>Wol-malee eennu qabnaa<\/p>\n<p>Harka wol qabannee<\/p>\n<p>Beekaaf wollaalaa<\/p>\n<p>Dhiiraaf dubartii<\/p>\n<p>Uduu hinjenne<\/p>\n<p>Nu Oromoon kutannee<\/p>\n<p>Mudhii teenna jebeeffanee<\/p>\n<p>Diinni diina keennaa<\/p>\n<p>Diinuma keenna jennee<\/p>\n<p>Gaangotumaan alatti<\/p>\n<p>Mala barbaaddannaa<\/p>\n<p>Woma qabnu hindhannee<\/p>\n<p>Diina barbadeesinaa<\/p>\n<p>Shakkii malee injiffannaa!<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p>Bulloo irraa<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dadhabbii fi balleessaa nu keesssa jirtu qofa calanqiisuu qofa odoo hinta&#8217;in akka karaa haarawaan itti of ijaarree qabsoo teenna itti jabeessinuu yaaduu<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/81"}],"collection":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=81"}],"version-history":[{"count":0,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/81\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=81"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=81"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=81"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}