{"id":74,"date":"2011-04-05T10:46:08","date_gmt":"2011-04-05T10:46:08","guid":{"rendered":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/2011\/04\/05\/na-hinajabu-yookaanii-hindinqu\/"},"modified":"2011-04-05T10:46:08","modified_gmt":"2011-04-05T10:46:08","slug":"na-hinajabu-yookaanii-hindinqu","status":"publish","type":"post","link":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/2011\/04\/05\/na-hinajabu-yookaanii-hindinqu\/","title":{"rendered":"Na hin&#8217;ajabu yookaanii hindinqu"},"content":{"rendered":"<p>Na hinajabu yookaanii hindinqu<\/p>\n<p>Dheengadda namni tokko ka Oromoo ka dur walbeeinuun ka yoo dheera walhindubbisin\u00a0 Austraila irraa natti dubbate. Eega nagaya\u00a0 walgaafannee<\/p>\n<p>  <!--more-->  <\/p>\n<p>waan durii fi waan ammaa waan siyaasaa odoo haasofnu tasumatti akkana naan jedhee: \u201e Dhiyoo tana odoo waan bariisaa.com nama keenna garii waliin nayaatarratti dubbannu, sila Hadiin Qaanquu akka dhibba keessa harki jahaatamaa ol\u00a0 kaadireen Woyaanee ka OPDO ka naannoo Arsii-keessattuu baalee fi diida\u2019atti dalagu- nama Arsii ta&#8217;an beekaa jenne walgaafannee, sila waan kana beeitaa ?\u201c naan jedhe. Ani dhugamatti hinbeekuu, isin akkamitti waan kana hubattan jedhee gaafadhe. Deebiin biyya maratu beekaa taate.<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p>Okay, ani ammallee dubbiin tuni laaftuullee haataatuu hagam takka dhugaa\u00a0 jedhee ofgaafachutti jira. Namoota biraallee gaafachuu yaala. Garu amma matama kiyyatti gad qabee yoo laalu wanni kuni na hindinqu. Waan dhagayu marallee amanuun narra hinjiraatu.\u00a0 Hedduun keenna teenneetuma dubbii gara garaa funaanuu jaalanna. Ani akka natti fakkaatutti woyyaaneen nama gara irra jiru dirqamaan haata&#8217;uu sossobuun haata&#8217;uu yookaanii bituun ofitti gara galchee tooyachutti jira. Garuu waan tokko tokko ka amma yaadadhu kaasee dubbachuu hinfedha waan yaroon isaa tartellee yoo taate. Dubbiin dubbii nama yaadachiifti. Woyaaneen haga xiqqaa ani isii waliin dalagettuu Oromoo Arsii , keessattuu warra gammoojjii Baalee yoo ani qabuufii ka dandayu taatee, haga tokko samitti olnafuudhuu yaaduun isii, yoo barbaachisellee portfolio wahii natti erkisuu akka\u00a0 barbaadduu turte\u00a0 hinbeeka ani. Walgaya EPRDF ka finfinnetti ta\u2019e tokko keessatti Tewoldee fi Tigroonni biraallee waan akkana fakkaatu ifumatti kaasanii turan jalqabumarraa! Akka amma yaadadhutti odomaa xiqqollee hinyaadin daddafee deebi gabaaduu keeneef: \u201e ani haga tokko\u00a0 haga OPDOon miseensa bal\u2019ifate, kongarasa waamee geegssaan ummata keessa bahu cimaa filatutti dhaabaaf hindalaga. Ammoo hujii mootummaa hinbarbaadu. Fuulduratti akka nama tokkootti lafa qotadhee yookaani nagadadhee jiraachuu bnarbaada\u201c jedheen. Martinuu rifatanii cal\u2019isan. Abbaan Duulaatii fi kumaanillee achi turan. Eegasii lafii ib geegessaa TPLF irraa namni tokko dhianatti na waami mana isaatti waan gaaf san jette san mee naa ibsii naan jedhe. Gaaf ani Germany irraa dhufee bakka Nagasuu Gidaadaallee turetti OPDO akkamitti ijaartan jedhee ani gaafii kaasee deebii naa kennitan yaadattaa jedheen. Lakki hinyaadadhuu naan jennaan yaadachiseen. Gaaf san deebiin jaraa waan ummata Oromoo keessa hinturiniif OPDO guddinnaan Oromoota lolatti boojinerraa ijaruun dirqama nutti ta\u2019ee, amma ammoo ummata Oromoo keessa jirraa isini beektonni Oromoo warri sagantaa OPDOo fudhattan, akka barbaaddanitti miseensa bal\u2019ifattanii, kongarasa gootanii geegessaa dhugaa filachuu dandeettan deebii jettu turte!<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p>Eegasii akkuma jedhame miseensa bal\u2019ifachuuf koree beektota Oromo jedhamtu Finfinnetti ijaarre. Anillee haga ji\u2019a tokkoo miseensa isii ta\u2019ee dalaguu ture. Yoo tokko tokko geegessuullee ture. Koreen suni akka kutaa Oromiyya maratti dalaguu dandeettu yaannee turre nu namni gariin. Garu yoma\u00a0 gabaabaa keessatti TPLF, keessattuu karaa Kumaatii fi Abbaa Duulaatiin, hujii koree sabotage gochuu jalqaban. Xiqqo booda Nagasuu Gidaadaallee jaratti dabalame yaaduma dur mataa ofiitiin itti amnuu turee gad dhiisee jaraaf mormuu jalqabe! Beektotarraa nama haarawa ka koreen waliin qunnamtii gochuu jalqabde mara kaadiree OLFfiiti jechuun xureessuu jaqaban. Qabatamatti jarri kaadiree OLFii ta\u2019uu akkamitti beeitan yoo jedhee angaafadhu wama tokko dhiyeessuu hindandeenne. Ati waan ala turteef waan kana beekuu hindandeettuu dhiisi naan jechuu turan. Xiqqo booda haga filmaata hinjifannutti hujiin koree haa dhabatuu sillee ammaaf Baaletti si ramadne naan jedhan. Lafii ib, akkuma adsdura bariisa.com irratti ibse, eega Balee na kaasanii gara Finfinne na deebisani hujii Propaganda ka itti na ramadan hojjachuu didee cal\u2019isee taa\u2019ee ani. Haga gaafii an isin gaafadhee\u00a0 deebi quubsituu naa kennitanitti hindalagu, minda keessanillee hinfudhadhu jedheen. Gaarii haga sii deebifnutti ammoo mindaa kee ima fudhadhu naan jedhan. Mindaallee dhiiseetuma cal\u2019ise ani. Garuu miseensuma ture haga yoo saniitti.<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p>Xiqqo turanii gaafa \u201ekongarasa\u201c duraa ka OPDO godhan anattuu hinhimne, na waamuun haa hafuu! Kana mara ani amma maaliif kaasa? TPLF nama Oromo ka gabrummaa fudhatee garaa ofiitiif isii waliin hujjatu barbaaddi, hojjachiifti, garuu keessa keessa nama akkana hinkabjju, hinamantullee. Nama akkana kanarra odoo na jibbituu na kabajuu turte TPLF. Waan natti fakkaatettii ifaan dura dhaabachuu waan tureef tureef na ajjeesuun isii dhibde ta&#8217;a. Hinbeeku ani.<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p>Maraafuu, na hindinqu dhiyeenna kana kadiree dhibba lamaa ol OPDOrraa\u00a0 woyyaaneen ariite yookaanii hiite jechaa yoo dhagayu. Mataa dubbiitti as haa deebi\u2019u. Woyaaneen kaadiree isii ka Arsii yooguddifatte na hindinqu har\u2019a. Zamana Haile Sellaaseetii fi Mangisttuu Haile Mariamuu Arsiin Amaara jalatti faaydaa mataa ofiitiif galee dalguu turee kutaa Oromoo biraarra yoo guddate malee xiqqaa hinturre. Wanni tokko guddaan warra Habashaa hirriiba dhoogge qabsoo Oromoon gammoojii Bale- Hawaxxuun, Rayituun, Hawiyyaan gargaarsa ummata Somaleetiin oofuu ture. Ummata akkanaa kana karaa karaan sossobuun, waan xixiqqoo itti darbanii ofdagachiisuun, sutuma suutan\u00a0 laamshessuun Woyaaneef dirqama. Akka gaarii beeiti. Oromoon Arsii ka gara Somaalee gad aanuu Oromo jayna akka \u00a0ta\u2019ee fi har\u2019allee qabsaayota dhugaa, ta garaa muratte ta ummata Somaaleetin harka walkeessa naqatee qabssauu akka dandayu yoo barbaade hinbeeiti. Badii OLF naannoo sanitti dalagellee hinbeeiti. Woyyaaneen Oromo maraamiti ka isiin sodaattu. Oromoo loluu dandayuu, ka ofulfeessu qofa.Oromoon akkana bakka bakka hinjira, garuu hedduu miti. Agendaan woyyaanee guddaan tokko Oromoo fi Somalee waljibbisiisu.\u00a0 Kanaafuu yaroo amma kanatti kaadireen OPDO ka Arsii guddisee barbaachisa ta&#8217;a, keessattu Balee dakaatti.. Kana ballaanillee ifumatti waan arguuf guddisee dubbachuu na hinbarbaachisu. Garuu dubbiin takka takka na dubbadhu waan jettuuf barreessuun dirqama natti ta\u2019ee. Ulfaadha.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Na hinajabu yookaanii hindinqu Dheengadda namni tokko ka Oromoo ka dur walbeeinuun ka yoo dheera walhindubbisin\u00a0 Austraila irraa natti dubbate. Eega nagaya\u00a0 walgaafannee<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[3],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/74"}],"collection":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=74"}],"version-history":[{"count":0,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/74\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=74"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=74"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=74"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}