{"id":72,"date":"2011-04-04T16:37:19","date_gmt":"2011-04-04T16:37:19","guid":{"rendered":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/2011\/04\/04\/akka-waan-oromoof-loltanii1\/"},"modified":"2011-04-04T16:37:19","modified_gmt":"2011-04-04T16:37:19","slug":"akka-waan-oromoof-loltanii1","status":"publish","type":"post","link":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/2011\/04\/04\/akka-waan-oromoof-loltanii1\/","title":{"rendered":"Akka waan Oromoof loltanii"},"content":{"rendered":"<p>Akka waan Oromoof loltanii jedha qabsaayaan Bullo Obsee . Nama keenna ka hinqabsoofne dhiisaa kammaan qabsaayuu hedduun walquba qabaachuu<\/p>\n<p>  <!--more-->  <\/p>\n<p>dhabuun waan guddisee nama gaddisiisu. Bullon nama yoo dheera gaafii ummata keennaatiif wareega godhe, ammallee godhuu.\u00a0 Qabsaayaa keenna ulfaata, Abbaa Anaajinaattu, Abdallaa Ismail, walnubarsiise, haagalatoomuu. Bullo caqasuun, waan inni bareessu dubbisuun guddisee barbaachisa natti fakkaata. Arrabni dhugaa dubbatu waraana qabsooti.\u00a0 Namni heddu haga har&#8217;aattu siyaasaan\u00a0 botoliikaa jedha. Kijiba jechuu fedha. Kuni ofwallaala. Politikaan yoomara kijibaa miti. Qaamaan , surriin dhugaa dalaguun siyaasa, qabso. Akka amantii Islaamaatti shahaada booda Jihaadatu dhufa. Salaata dura, sooma dura, hajji dura, Zakaata dura. Namni namummaa ofii hin&#8217;ulfeessine, ka yaadaan blisa hinta&#8217;in, luuyni akkamitti rabbiin beeka! Sheiktonni yookaanii\u00a0 Qaalluun teenna heddu ta amantiin nagadattu dhugaa tana hindhoysiti. yookaanii yoo heddu hinkaaftu, yookaanii daddaftee irra tarti. Gagala ganama wanni isiin guddinnaan\u00a0 haasoftu akka odo jihaada hingoone yaadumaa fi fedhiin jannata ( gara irra jiru mataa ofiitiin) itti seenani yookaani waan fedhan laafamatti argatan. Du&#8217;aa&#8217;ii, kadhaa kijibaa ta dalagaan walitti hindhufneen,\u00a0 rabbiin sossobuu yaaluun ofsossobu. Jihaadni garuu amantii qofaa mitii loogikiillee, beekkomsa, waan qabatama. fedhii qofaamiti. Ulfinni ilma namaa waan laafaa miti. Isaan jiraachuun, isaan du&#8217;uun durumarraayyuu barbaachisa. Ulfaadhaa.<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p>Akka waan Oromoof loltanii<\/p>\n<p>Jeneraala isiniin jennee<\/p>\n<p>Diina Oromiyaa irraa kaaftanii<\/p>\n<p>Nu isinii hin-kenninee<\/p>\n<p>Dhaaduu teessan hoongoftuu<\/p>\n<p>Kunoo itti saalfanne!<\/p>\n<p>Iyyinee iyya labsinee<\/p>\n<p>Dhiya&#8217;rraa haga Bariitti<\/p>\n<p>Kaaba&#8217;rraa haga Kibbaatti<\/p>\n<p>Akka Loon boojjii fedhuu<\/p>\n<p>Daanee isin jala yaanee<\/p>\n<p>Lolee lolchiisaa, farra diinaa<\/p>\n<p>Arganne jennee qoma dhiibnee<\/p>\n<p>Adaa wonti kijibaa<\/p>\n<p>Kunoo itti saalfanne!<\/p>\n<p>Dhaamsa gootota teennaa<\/p>\n<p>Yaboo isinitti kenninee<\/p>\n<p>Akka waatii lowwanii<\/p>\n<p>Handarandhee<\/p>\n<p>Dirree keessa gulufnee<\/p>\n<p>Gibaata bantan seenee<\/p>\n<p>Yaboo goototaa nyaattanii<\/p>\n<p>Xophiyaaf dhaabattanii<\/p>\n<p>Lafee goototaa gantan!<\/p>\n<p>Tigireen woltaatanii<\/p>\n<p>Sanyii Oromo&#8217;o gabaabsitanii<\/p>\n<p>Falmataa fi Falmattuu<\/p>\n<p>Riphee-lolaa rakkiftanii<\/p>\n<p>Cabbiin mataa haaddanii<\/p>\n<p>Akka korbeessa re&#8217;ee<\/p>\n<p>Cidhaa isaa tumtanii<\/p>\n<p>Sangoomsitanii<\/p>\n<p>Aradda&#8217;aa buqqiftanii<\/p>\n<p>Kosii isaa gubdanii<\/p>\n<p>Biyya isaa irratti<\/p>\n<p>Kadhatee-bulaa<\/p>\n<p>Kajeellataa<\/p>\n<p>Dhokatee-jiraataa<\/p>\n<p>Mataa gadi-qabataa<\/p>\n<p>Gootanii, goosiftanii<\/p>\n<p>Haga funyaanii hidhattanii<\/p>\n<p>Mee malumaan gootan?<\/p>\n<p>Oromoo shororkeessuudhan<\/p>\n<p>Abbaa worraa hidhuudhan<\/p>\n<p>Yoo feetan ajjeesuudhan<\/p>\n<p>Durbaa-Dubartii gudeeddanii<\/p>\n<p>Kufaatii Oromootiin<\/p>\n<p>Kabajaa tulattanii<\/p>\n<p>Oromoota miidhuudhaan<\/p>\n<p>Jeneraallummaa argattan!<\/p>\n<p>Bakka jirtanii nutti yaatanii<\/p>\n<p>Riphee-lolaa lagattanii<\/p>\n<p>Kuta&#8217;aan nu qoddanii<\/p>\n<p>Wol-shakkii\u00a0 biqilchitanii<\/p>\n<p>Kunillee isin hanqanaan<\/p>\n<p>WBO abdii keenna<\/p>\n<p>Midhaanii bishaan dhoggatanii<\/p>\n<p>Diinatti nurraa galchitan!<\/p>\n<p>Ergaa deemtu mo&#8217;o baqa dhuftan?<\/p>\n<p>Oromoota\u00a0 sobdanii<\/p>\n<p>Mallayyoo garsiiftanii<\/p>\n<p>Sabaaf dhukkufataa fakkatanii<\/p>\n<p>imimmaan Naachaa boottanii<\/p>\n<p>Hamileen Oromo&#8217;oo cabde seetanii<\/p>\n<p>Gaafa dhaamsa goototaa<\/p>\n<p>Adaa kolfaa turtanii?<\/p>\n<p>Ayyaanni Oromoo guddaan<\/p>\n<p>Kakuun isa-kaleessaa<\/p>\n<p>Rabbi dhugaa h&#8217;dagatuu<\/p>\n<p>Ammaa isin balleessaa<\/p>\n<p>Waandhi Gurraachii keenna<\/p>\n<p>Dhugaa malee maal tissaa!<\/p>\n<p>Aduun dhiitee hinhaftuu<\/p>\n<p>Oromoofis\u00a0 hinbariitii<\/p>\n<p>Furtuun rakkoo Oromoo<\/p>\n<p>Ginbot 7nii\u00a0\u00a0 miti<\/p>\n<p>Saba dhamaasuu yaaltu<\/p>\n<p>Ufii dhamaataniitii!<\/p>\n<p>Lafeen gootota teennaa<\/p>\n<p>Uduu isin gaafattee<\/p>\n<p>Akkana jettee:<\/p>\n<p>&#8220;ilmaan tiyya isin seehee<\/p>\n<p>Haati tessan bargaafattee<\/p>\n<p>Bakka isiin hinmalle dhaxxee<\/p>\n<p>Diina irraa isin fiddee?<\/p>\n<p>Garuu ana hinfakkatanii<\/p>\n<p>Ana taatu wakkatanii<\/p>\n<p>Abashiffoo ajooftanii<\/p>\n<p>Himaa bakka&#8217;rraa dhalatani!<\/p>\n<p>Adaa narraa hin dhalannee<\/p>\n<p>Gudeeda kiyya&#8217;rraa hinbaane&#8221;<\/p>\n<p>&#8220;Badi ati!<\/p>\n<p>Hobbaatii taatee h&#8217;haftuu<\/p>\n<p>Qumaantaa ka dhalattu<\/p>\n<p>Kan maqaa kiyya nyaattu<\/p>\n<p>Kan mata-gala galtu<\/p>\n<p>Kan biyyaa-biyyee gantu<\/p>\n<p>Akka waan goota taatee<\/p>\n<p>Maqaa kiyyaan awwaattu&#8221;<\/p>\n<p>&#8220;Badi ati!<\/p>\n<p>Sidhalche naffakkatee<\/p>\n<p>Dubartiif sardoo qabnee<\/p>\n<p>Asiif achi utaltee<\/p>\n<p>Bakka hintaane aseentee<\/p>\n<p>Diina&#8217;rra si funaannatee?<\/p>\n<p>Sanyii Oromoo si seetee<\/p>\n<p>Haati tee ta si dheette<\/p>\n<p>Dhaamsa sitti dhaammate<\/p>\n<p>Akkana jettee:<\/p>\n<p>[ ilma kiyya jabaadhu<\/p>\n<p>Zinnaaraan mudhii hidhu<\/p>\n<p>Saba keetiif falmadhu<\/p>\n<p>Oromiyaa Wolaboomsii<\/p>\n<p>Ruufa &#8220;UN&#8221; kessatti fannisii<\/p>\n<p>Mataa ol nu qabachiisii<\/p>\n<p>Motummoota &#8220;UN&#8221; kessatti<\/p>\n<p>Barcumaa nu raggaasisi!<\/p>\n<p>[ Abbaa kee h&#8217;salphisin<\/p>\n<p>Innuu duruu na shakka<\/p>\n<p>Fuulaan isa hin fakkattu<\/p>\n<p>Qumaantaa kankee argaa<\/p>\n<p>Maqaa kiyya na nyaatin<\/p>\n<p>Bakka sifidee h&#8217;himin<\/p>\n<p>Diina woliin hin oolin<\/p>\n<p>Diinaaf golgaa hin ta&#8217;in<\/p>\n<p>Lallabdee h&#8217;saaxilamin]&#8221;<\/p>\n<p>Akkas siin jette haatee<\/p>\n<p>Haadha dhaltee, si woliin rakkatte<\/p>\n<p>Akka si gootu dhabde<\/p>\n<p>isiin nama si seete<\/p>\n<p>Goota itti fakkatte<\/p>\n<p>Dhalee sii gudunfite<\/p>\n<p>Duulaaf si bobbafatte<\/p>\n<p>Biyyeen ana ha nyaattuu<\/p>\n<p>Dhaamsa jannaa sii dhaamte<\/p>\n<p>Oromummaa sii laatte<\/p>\n<p>Ati uf irratti wollaalte&#8221;<\/p>\n<p>Itiin fuufa<\/p>\n<p>Barreessaan :Bullo Obsee<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Akka waan Oromoof loltanii jedha qabsaayaan Bullo Obsee . Nama keenna ka hinqabsoofne dhiisaa kammaan qabsaayuu hedduun walquba qabaachuu<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/72"}],"collection":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=72"}],"version-history":[{"count":0,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/72\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=72"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=72"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=72"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}