{"id":60,"date":"2011-01-30T13:25:19","date_gmt":"2011-01-30T13:25:19","guid":{"rendered":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/2011\/01\/30\/haala-keenna-dhugaan-haa-laallu\/"},"modified":"2011-01-30T13:25:19","modified_gmt":"2011-01-30T13:25:19","slug":"haala-keenna-dhugaan-haa-laallu","status":"publish","type":"post","link":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/2011\/01\/30\/haala-keenna-dhugaan-haa-laallu\/","title":{"rendered":"Haala keenna dhugaan haa laallu"},"content":{"rendered":"<p>Haala ofii irra deddeebi\u2019anii xiinxalluun yoo maraa barbaachisa.<\/p>\n<p>Biyya blilisa taatee alaaba ofiitii fi mootummaa ofii qabdu ta akka Tuunisiitii fi Masrii keessatti soocho\u2019a sapha bal\u2019aa ka deemutti jiru irraa nu saphoonni   <!--more-->  cunqurfamoonni empaayrii Itoophiyya keessatti hidhaa keessa jirru maalbaranna? Maqaan blisa ta\u2019anii mootummaa sapha tokkoo ijaaruun qofa mataa isaatti faaydaa guddaa akka hinqabne nu agarsiisa. Saphuma sanirraa warri ol\u2019aantummaa qabu, ka mooyu, faaydaa sapha isaa bal\u2019aatiif odoo hinta\u2019in duraandursee faaydaa mataa ofiitii fi faaydaa humnawwan addunyaa gurguddoof ka dalagan yoo taate. Kanaafuu ummanni cunqurfamaan wayta qabsaayu namoonni isa saamuu barbaadan ka isarraa ta\u2019an akka angoo qabatani isa hincunqursine jalqabumarraa flachuu fi tooyachuu isa barbaachisa.<\/p>\n<p>Seenaa teenna ta tartee fi waan ammattillee deemutti jiru irraa barachuun dirqma natti fakkaata. Haala ummata Oromo \u00a0haga dandayametti gababsinee walitti qabnee haa laallu. Haala Oromo wanni ani asitti jedhuuf waan ani Oromo ta\u2019eef qofaa miti. Duraandursee akka ilma namaatti dhugaa soquu fi beekuu barbaadutu dhufa. Nama dhugaa jiruu beekuu fi jaalatu qofatu gaafi sapha ofiitiifillee haqaan akka barbaachisutti dhaabachuu dandaya. Namni gaafi sapha ofii cunqurfamaaf dhaabatu saphoota biraa ka cunqurfamaniifillee hindhaabata. Gaafiin qabsoo ta dhamaa gaafii akka ujoollee xixiqqoo \u201e yaa rabbi nu baasi abbaa feete albaasi \u201e jedhani bira taraniimiti. Diinni keennaa fi warri isa duuba dhaabatan\u00a0 warra laafaamiti. Saphoonni cunqurfamoonni waliin qabsaayuun dirqama. Wanni ani ummata Oromo akka fakkeennaatti fudhadhuuf: haalli Oromo haala mara irra hamaa waan ta\u2019eef. Haala mara irra hamaa laaluun wanni gaarii ta\u2019uuf haalli ummatoota biraa ka Itoophiyaa keessatti cunqurfamnillee martinu isa keessa waan jiruuf. Ummanni amantii fi kutaan addaan qoqqoodani , addaan fageessani, eennummaa isaa guutumatti balleessuuf Ol\u2019aantonni habashaatii fi warri jara duuba dhaabatani kolonialistootaa fi imperialistonni adduniyaa irratti duulanii, qabeennallee saman Itoophiyaa keessa ka akka Oromoo \u00a0hinjiru. Faklkeennaaf ummata Somaalee, Afaar, Adaree fi ka biraallee ka gara garaa amantiin addaan qooduu hindandeenne, haga keennallee karaa qabeennaatiin \u00a0hinsaamne, dachiin teenna dachii jiituu waan taateef .. Kana maraafuu gababsine,\u00a0 compress goone, seenaa tenna haa laallu jedha ani.<\/p>\n<p>Bareessaa tanarratti wanni ani gabaabsee seenaa tenna laalu barbaaduuf isiin boonuufiimiti. Dhugamatti wanni ittiin boonuu dandeenuu seena teenna keessa hinjira, fakkeennaaf adeemsa seera gadaa keessaa waa heddu. Garuu wanni ani asitti laaluu barbaadu waan eega seerri sun cabe nurra gayee fi ammallee gayutti jiru.. Seenaa bal\u2019oo tenna warra dhugaan seenaa barreessuuf dhiisa.<\/p>\n<p>Ol\u2019aantonni Amaara naannoo har\u2019a Menz jedhamtu ka qabatan gada dhibba kudha lamatti akka ta\u2019e ( 12 th century ) seenerraa ifa. Kana waliinu haga wayta Minilikitti, jechuun gada dhibba kudha sagalitti lola dachii Oromoo keessatti oofuu turan keessatti Oromoo hinjifachuu hindandeenne. Dhibee fi waldhabii geegessitootaa fi mootota ummata Oromoo keessa turte keessa seenanii tokko tokkorratti gargaaruun Oromoo laaffisuu haa yaalanillee. Ummanni Oromo karaa maraanu ol\u2019aantota Amaaraa dura waraanaan dhaabatee akka jarri hinbal\u2019ifanne godhee ture. Haalli kuni kolonialistoonni Awroophaa ol\u2019aantotaa habaashaatti warraana haarawa ka gara garaa ka Oromoon qabaachhuu hinturin itti hidhanii waan maraanuu jara waliin dhaabachuun jijjiirame. Knaaf warra seenaa teenna akka gaaritti barresse laaluu dandeenna. Waan irratti walmorminuu miti.<\/p>\n<p>Akkanatti namoonni salphatanii ofitti amantii dhabanii mooraalli jaraa cabe ka akka Ras Gobanaatii fi ka biraallee ciccimaan hedduun ol\u2019aantota Amaaraatiif ergamani ummata Oromo diina waliin saamutti gad jedhan. Ol\u2019aantonni Amaaraa Oromoo maraa qabachuuf , karaa dachii isaatiin bahrittillee gayuuf garaa muratanii ka\u2019an. Fedhii ofii akka cimatti hujirra oolchuuf seenaa, seera, amantii ummata Oromo warana qofaan odoo hinta\u2019in yaadaanillee ( ideologically ) dhabamsiisuu muratan. Naanoo ol\u2019aantu, keessattuu, Shawaa fi Wallotti waraanaan ummata Oromo amantii Orthdoxi ta kristaanaatti dirqan.<\/p>\n<p>Naanoolee biraatti ummanni Oromo bal\u2019aan jibbaa jaraatiin Islaamummatti guddinnaan gara gale. Ka hafillee amantii kristaanaa ta protestaantiitii fi ta katholikitti gara gale. Ol\u2019aantonni Amaaraa bakka ofii ummata Oromo amanti kristaanaa ta Orthodoxiitti dirquu hindandayiinitti missionaroota kolonialistota Awroophaatiif kara banuuf dhufanii eyyama godhan, ummata Oromoo addaan qoodani guutumatti akka cimaa eennummaa isaa balleessanii mooyachuufuuf.<\/p>\n<p>Eega gargaarsa kolonialistoota fagoo dhufaniin mijjeeffatanii naannoo Oromoo mara harka ofii jalaa seensifatan booda, ol\u2019aantonni Amaara Oromo kristanaa \u00a0waan ofitti qaban fakkeessuuf ilmaan jaraatiif haaxiqqaattullee carraa baromsa banani birokraasii ofii keessa seensisan, keessattu ulee godhachuuf \u00a0huumna waraanaa kessatti itti dalagatan.. Ummata Oromoo ka Islaamaarratti midhaa fi cunqursaa kana hinjenne itti jabeessan, akka innillee kristaana ta\u2019ee, aadaa fi seenaa ofii gad dhiisee ol\u2019aantummaa jaraa fudhatee mataa gad qabatee, gooftaa kiyya jedhee jiraatu gochuuf.<\/p>\n<p>Siyaasaan tuni Shawaa fi naanolee lola malee mootonni Oromoo diinatti harka\u00a0 kennatanitti, fakkeennaaf,- \u00a0Jimmatti warra Abbaa Jifaar, Wallaggatti warra Bakaree fi Jootee fi ka jara fakkaatutti- akka cimaa hujirra oolte. Naanolee tanniinitti ummanni Oromo waraanaan ol\u2019aantota Habshaa dura \u00a0akka barbasachisutti dhaabachuu hindandeenne ture, haga har\u2019aattillee guddinnaan dhabachutti hinjiru, yoo dhugaa walitti himna ka jennu taate..<\/p>\n<p>Ummata Oromoo ka Hararii fi ka Arsii garuu ol\u2019aantonni Habashaa dhiiga guddaa dhangalaassun madfii fi matarayasii qofaan cabsuu dandayan. Ras Dargeen dadhabee jennaan Arsiif fi Hararitti Minilk Mataa ofiitiin duulaa geegesse. Haalli huumna waraanaatiin islaamarratti duulu kuni ummatoota akka Adare, akka Somalee, akka Affar, ka Akka Guraageetii fi ka birallee irra gayuun waan\u00a0 beekamei.<\/p>\n<p>Har\u2019allee yootaate siyaasaa kristaana Oromoo waan ofitt qaban fakkeessuu akka Oromoon waliin garaa qulqulluun hinqasoofne gochuuf woyaneen akka hama itti dalagachuttii jirti. Kristaana Eertiraa sossobu ka hindandayin ka Oromoo waan gowwaa ta\u2019eef sossobuu hindandeenna amantii jettu qaban ola\u2019aantonni habashaa, keessattuu ta Amaaraa. Har\u2019allee dhugaa tana warri ABO (OLFiin ) geegessu \u00a0hedduun ukkaamsani irra taa\u2019utti jiran jechuun hindandayama. Rakkoo Islaama Oromoorra geette, geettuu, ta kristaanarra hingeenne- waan isii hinkaasan. \u201e nu martinuu qixa waliin cunqurmamne \u201e jechuun irra taruu barbaadan. Wanni akkana ta\u2019eef seena teennarraa, keessattuu seenaa qabsoo teennarraa amma ifa natti fakkaata. Nu keessa garuu namni faaydaan mataa isaa yookaanii wallaalli \u00a0yookaanii hawwiin ballaa gootee dhugaa tana arguu hinbarbaanne yookaanii arguu hindandeenne asii asii mitii. \u00a0Waan gara nama nyaatu.<\/p>\n<p>Eega Habashoonni dachii fi ummata Oromoo gargaarsa alaatiin mooyatani asii qabsson ummata keenna, kanarra ka ka\u2019e, \u00a0bifa lamaan deemte, har\u2019allee deemutti jirti. Bifti lamiin tuni walitti akka gaarii dabalamtee, walguuttee waliin deemuu hindandeenne haga ammaattu.<\/p>\n<p>Bifti dura bifa gara irra jiru yookaanii duraandursee qabsoo waraanaatiin qabsaayanii ( revolutionary trend ) Empyrii Itoophiyaa keessa bayanii motummaa ofii ta dhugaan blisaa ijaarachuuti, bifa guutumatti waan Empaayriin Itoophiya dhaabattuuf diduuti. Nu Itoophiyaamiti jechuuti.<\/p>\n<p>Bifti lammata guddinnaan duraandursee karaa nagayaatiin haala ummata Oromo yoo dandayamee Itoophiyama keessatti sirreesuuti (reformist trend ). Bifti lamiin tuni yoo tokko tokko \u00a0yookaanii karaa tokko tokkoon walkeessa seenuun, ( overlapping ) gochuun waan beekame, sababa gara garaatiin.<\/p>\n<p>Garuu dhugaan bakkuma jirtu jirti. Namni isii barbaadu fagaatee seena keessa deemu isa hinbarbaachisu:miiluma ofii jala \u00a0laaluu qaba. Irra deebi\u2019aa dhiifama naa godhaa! Fagoo ofduuba deebi\u2019ee qabsoo ummanni Oromo bakka bakkatti waraanaan haata\u2019uu karaa nagayaatiin haata\u2019u gara garatti \u00a0dur oofuu ture mara kaasuu miti wanni ani fedhu har\u2019a. Seenaa teena dheerturraa \u00a0waan gabaabaa \u00a0haalaa har\u2019a qabsoon teenna itti jirtu ibsu qofa kaasuu barbaada.<\/p>\n<p>Yaroo teennatti bifa duraa ta qabsoo, qabsoo waraanaa ta Waaqoleen lamaanii fi Huseen Bunee obboleessa isaa Mahmud Bune waliin Baaletti 1964 irraa qabee, Elemoo Qilxuu 1973 , Jaarraan haga 1995 Hararitti geegessuu turantu calanqisa. Kana bal\u2019innaan hubachuuf\u00a0 seena \u00a0Adda Blisumma Somale Seensa (Western Somali Liberation Front ), Adda Blisummaa Ummatoota Itoophiyaa (Ethiopian National Liberation Front ), Adda Qabsoo Ummata Oromo ( Oromo Peoples Liberation \u00a0Struggle ), \u00a0Adda Tokkummaa Ummata Oromoo ,Adda Blisummaa Islaama Oromo\u00a0 (Oromo Islamic Front ) gubbaa gubbaan odoo hinta\u2019in sirriin keessaa laaluun dirqama. Martinuu blisummaa ummata Oromootiif of wareeguu turan, haala naannoo teennaatii fi haala adduniyaa ka gara garaa rakkisaa keessatti.<\/p>\n<p>Bifti qabsoo ta lammata walumatt guddinnaan seenaa fi qabsoo waldaya Maccaa Tulamaatitti 1963- 1969 \u00a0haga OLFiitti 1976 irraa qabee haga har\u2019aatti\u00a0 guddinnaan calanqeeffamti. Kana laaluf seena warra Macaa Tuulamaa ijaare ka akka birgadeerTaddesa Birruu, kolonel Alamu Qixxeessa, Baqqala Nadhii, kolonel Qadiida Gurmeessa tii fi ka jara fakkaatan ka biraallee, eega Maccaa Tulamaa Mootummaan Haile Sellasee balleessitee booda warra lafa jalaan \u00a0akka haarawatti qabsaayuu yaaluu turan warra akka Obboleewwan lami Baaruu Tumsaatii fi \u00a0qees Guddinnaa Tumsaa, warra jara booda eegasii \u00a0OLFiin \u00a0ijaaran laaluu barbaachisa<\/p>\n<p>Haganuma jedhee odoo cal\u2019isee qabsaayota dhugaa heddutti nama balleesse ta\u2019uun kiyya waan hin\u2019oollee: Dhugamatti \u00a0bifti qabsoo lamaanu tokko taatee akka waliin geegeffamtu abdi gochuun\u00a0 ilmaan Oromo hedduun ABOtti (OLFitti )dabalamanii wareegaa godhanii qabsoo sirreessuu yaalanii turan\u2026Har\u2019allee warra san yaalutti jiru jira. Garuu abdiin tuni qabatamatti hujii irra ooluu hindandeenne, ABO ammaa keessatti dandayuullee waan dandeettu natti hinfakkaatu. Kana wayta jedhu namni ani dhiifama gaafadhu hinjiru: gaafiin naaf adii.<\/p>\n<p>Rakkoon nama arguuf badhee jirti: warri maccaa Tulama geegessuu turanii fi warri eegasii OLFiin geegessanillee \u00a0guddinnaan\u00a0 ilmaan Kristaanaa Oromo warra ilmaan Islaamaa Oromo caalaa carraa baromsaatii fi carraa birokraasii mootummaa habashaa kessatti haa xiqqaatulleee qooda fudhachuu argatanii turan.. Maccaa Tuulamaa Karaa nagayaatiin umanni Oromo akka ofii fi walbeeku, waan akka karaa fi maniin baroomsaa, maniin fayyaa ijaarachuu fakkaatuuf qabsaayee ture. Akka ummanii oromoo haqa isaa garii argatu manniin baroosaatii fi karaa parlamaa mootummaatiinillee qabsaauu ture.. \u00a0Qabsoo Itoophiyaa irraa fottoqutti geessitu ta siyaasaatii fi ta waraanaa gochuun fedhii jaraa hinturre, har\u2019allee miti.. Haala seenaa teennaa yoo laalle \u00a0 waan tareef jara aalachuun \u00a0hindandeennu. Mootummaan Itoophiyaa jarallee hidhaa fi ajjeechaan balleessuf waan dandeettu gochuun isii beekama.<\/p>\n<p>Warri jara\u00a0 irraa hafanii fi ka jara fakkaatan ka \u00a0lafii ib ABO ( OLFiin ) lallabsillee dadhabbii Maccaa Tuulamaarraa wanni baratan guddaan hinjiru. Silaa ammoo barachutuu irra ture.<\/p>\n<p>Aslimaa eega mootummaan Dargii angoo qabatte \u00a0hedduun jaraa warra Maccaa Tuulama irraa hafe waliin warra sadarkaa ol\u2019aanatti Dergiin waliin dalaguu turani. MEISONii fi \u00a0ECHAT ta\u2019anii duuyda Dergii jabeessanii turan (Kuni guddisee nu dinquu hinbarbaachisu: Ummata Oromoo ka kristaanaa keessa guddinnaan warri gaaf Ixaaliyaaniin biyya qabatte duraa fi egasiillee tokkumma Itoophiyaatiif of wareege lakkoofsa hinqabu. Kanaafu yaroo gara garaatti mootummaa keessattille qooda fudhachuun jaraa, akkuma jedhame, beekama. Warri haga har\u2019aallee saniif of wareegu xiqqaamiti, keessattuu OPDO jalatti. Ka tareef dhiifama yoo goone ka har\u2019aatiif dhiifama gochuun nu dhiba, hinbarbaachisu Ilmi namaa odoo ifatti beekuu akkmitti gabrummaa filata jibbaa islaamaatiif jecha?? ).\u00a0 Dhumatti Dergi jara maraa naannessuu jalqabde. Dhiibbaa saniin isii ofirrraa deebisuuf (in\u00a0 self deffense ) qabssaayuun,\u00a0 OLFiin lallabsuun,\u00a0 dirqama itti ta\u2019e. Akkasitti qabsoo waraanaa jalqban. Waan garaa nama nyaatu!<\/p>\n<p>Huumnawwan biyya seensaallee hedduun waan Dergiitti aarii qabaachuu turteef karaa hedduun yaroof jara sochoosuun dirqama ta\u2019ee itti mul\u2019ate. Eegasillee 1991 Woyanee waliin akka dalagan jaratu godhe. Har\u2019alle guddinnaan jaratu olii gad oofa natti fakkaata. Jalqabumarraa qabee dandeetti ummata Oromoo bal\u2019aarratti hundeeffamani qabsoo siyaasaatii fi ta waraanaa walbira, bifa qabsoo lamaanuu waliin oofuu, dhiisanii humnawwan adduniyaa warra ol\u2019aantota habashaa, diina keenna deeggaranitti maxaanaanii dalagutti jiran. Seenaa teenna badduu ta dinni habashaatii fi warri fagoo jara gargaaran nu keessatti uuman hinjifachuu dadhabuun qabsoo teennatti gufuuu jabduu ta\u2019uun ifa ta\u2019uu qaba , keessattuu wayta ammaa kanatti..<\/p>\n<p>Garuu ABO keessa eega qabsoon waraanaa jala qabamtee haalaa walhintaanee lamatu walsossobee waliin deemutti jira. Warri bifa lammataatiin qasaayuu barbaadu akka warra bifa duratiin qabsaayu offakkeessee, ummata sossobuuf ka dalagutu jira.. Warra gaafi ummata keenna gabayaa godhatetu jira. Haala kanaan walhidhanii walqoraasutti jiran. Warri geegessu guddinnaan warra Itoophiyaa irraa guutumatti fotoquu barbaaduu miti, yookaanii sodaatu. Wanni ammoo guddinnaan akkana jara godhuu olola imperialistootaa fi warri habashaa\u00a0 oofan ka sodaa Islaamaati, keessattu yaroo Bushirraa ka jalqabe. Haga akka kristaana Eertira sodaa tana irra tarkaanfatanii\u00a0 ummatoota qabsorra jiranii fi ka qabsoo haqaa gargaaran ka adduniyaa, keessattuu qabsoo ummata Arabaatiin\u00a0 walgargaaranii dalaguu hindandeenne qabsoo ummata Oromoo bal\u2019aa laamshissuu bira taranii wanni jarri gochuu dandayan hinjiru. Ummanni Oromoo yoo mara obsaan jara eeguu hindandayu. Kuni laalcha kiyya. Namni marti nawaliin akkanatti yaaduun dirqamaa miti.<\/p>\n<p>\u201e Ummanni keenna ummata\u00a0 nagayaa ka waljaalatu, ka garaa walii laafuu, kanaafuu dadhabbii isaa dhoyfachuu isa barbaachisa\u201c jechi jedhu jecha walsossobaniin natti fakkaata. Dhugaan haga fedhan yoo dhoysanillee bahuun isii waan hin\u2019oolle, bahuu isii barbaachisallee.<\/p>\n<p>Dhaabbii ani asii olitti maqaa isii kaase ijarsi ( structure ) isii maal fakkachuu ture, maalfakkaata gaafii jettullee waa irraa barachuuf kaasuun dirqama. Yoo rabbi jedhe irra deddeebenee yoo biraa laaluu hindandeenna. Yoo nu laalcha keenna sirreessuu dadhabne namni alaa dhufee nuu sirreessu hinjiru. Oromoo keessa warri dammaqqii dhugaa qabu amantiin addan qoodamuun qaanyaa gudda. Qabsoolee naannoo teennatti deemaa jirturraallee wanni barachuu dandeennuu fi faaydaa nu qabu hinjiru haala kanatti . Kanaaf dhugaan haa dammaqnu. Ofii fi walitti kijibuu haadhiifnu. Ulfaadhaa.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Haala ofii irra deddeebi\u2019anii xiinxalluun yoo maraa barbaachisa. Biyya blilisa taatee alaaba ofiitii fi mootummaa ofii qabdu ta akka Tuunisiitii fi Masrii keessatti soocho\u2019a sapha bal\u2019aa ka deemutti jiru irraa nu saphoonni<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/60"}],"collection":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=60"}],"version-history":[{"count":0,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/60\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=60"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=60"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=60"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}