{"id":41,"date":"2010-06-25T08:50:18","date_gmt":"2010-06-25T08:50:18","guid":{"rendered":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/2010\/06\/25\/waan-tare-maal-dhiifnee-maal-kassuu-barbaachisa\/"},"modified":"2010-06-25T08:50:18","modified_gmt":"2010-06-25T08:50:18","slug":"waan-tare-maal-dhiifnee-maal-kassuu-barbaachisa","status":"publish","type":"post","link":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/2010\/06\/25\/waan-tare-maal-dhiifnee-maal-kassuu-barbaachisa\/","title":{"rendered":"Waan tare maal dhiifnee, maal kassuu barbaachisa?"},"content":{"rendered":"<p><span style=\"font-size: medium;\">Eega adda blisummaa ummata\/toota Itoophiyaa (ENLF) Dimashqitti 1972 labsine booda \u00a0waan argame tokko tokko\u00a0 asirratti kaasuu fedha. Adeemsa qabsoo teennaarraa waa heddu baranna. Kana malellee namoonni                                                                <!--more-->  <\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">oduu waan taree funaananii\u00a0 nama waljibbisiisuu hujii godhatan nu keessa jiraachuun beekama. Kanaafuu waan tokko tokko ka taree kaasanii\u00a0 haga dandayameen qulqulleessuun\u00a0 gaarii natti fakkaata.\u00a0 Warri wanni ani asirratti barreessu kuni akka malee aarsuu jiraachuun waan hin\u2019oolle. Ani waan nama maraa yoomaraa gammachiisu kaasuumiti fedhiin tiyya. Waan beekuu fi waan natti mul\u2019atu lafa kaayuu qofa. Namni\u00a0 waan ani asitti kaasu heddu narra beeku hinjira jedhee amana. Yoo na qajeelche galatoomaan fudhadha.<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Eega ENLF labsinee rakkinna gara garaattu nu yaachisuu ture. Gaafiin takka guddoon akkamitti dargaggoota Oromoo ta baroomsa qabdu, ta qabsoo waraanaatii fi siaasaattille, akkasuma dhaaba cimtuu ijaarsattille qooda\u00a0 fudhachuu dandeettu ofitti daballa gaafii jettu turte. Yoo san qabsaayonni keenna heddutu Somaaletti akka malee rakkachuu turan, gariin magaalaa Aden keessaa biyyatti socho\u2019uu dadhabanii taa\u2019uu turan. Kanaafuu daddafnee dalaguun dirqama nutti ta\u2019e. Dimashqi, Bagdaad, Qaahiraa fi Adanitti walgeennee murtii fi tarkaanfi gara garaa fudhachuu turre. Haata\u2019uu, waan mootummaan Somalee ta Siad barre nu nannessuu turteef karaa Somaaleetiin waa guddaa gochuun hindadhabame. Walumatti qabatti eega Jaarraa fa\u2019a mootummaan Somalee hiitee asi karaan sun nutti cufamee guutumatti.<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Walgayii Dimashqitti godhamtetti murti jabdu takkatti geenne. Nammonni walgayii sanirratti argaman, akka an amma yaadadhutti, Haji Hussein Suraa, Elemoo Qilxuu,( Hasan ) Ismail Ali, Bakri Ahmad, Mahmud Sado, Abdi Gode fi ana. Namoonni biraallee ka irraanfadhe hinjiran. Fakkeennaaf, walgayii sanirratti Ibrahim Suuriin argameef argamuu dhabee hinyaadadhu ani. Eega bal\u2019innaan walmarii-extensive discussion-goone booda ilmaan Oromo ta ESUE keessaa siyaasaan qabsaayuu turanitti dubbachuu, jaraan walqunnamtii gochuu, afaan tokkoon murteessine.<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Sanirraa kaanee bilbilsaa fi xalayaan yoo heddu Hailee Fiddaa waliin walqunnama goone.Biyyoolee Awroophaa sadi- Hungary, Faransaayii fi Germany bakka barattoonni Oromoo ta inni beekuu guddinnaan\u00a0 jiranitti qaamaan\u00a0 nama akka erginu nu gorse. Namoota itti dubbachuu nu barbaachisullee nuu\u00a0 hime. Garuu namoota san keessa namoonni Oromo hinta\u2018in ka akka Nagade Gobaze, Tadasa Gasesseetii fi Illihu Fallaqeellee turan. Walgayima Dimashqi sanirratti akka ani\u00a0 biyyoolee sadiin Awroophaa deemu murteeffame.<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Beiruutirraa ka\u2019ee Hungary torbaan lama, Fransaayii fi Germany akkasuma \u00a0torbaan lama lama keessatti namoota hedduun walqunnamti godhe. Hailee Fiddaatiin Humburgitti walqunnamnee waa heddu bal\u2019innaan kaafnee dubbanne, waa heddurratti waltaane. Dhumatti inni akka an\u00a0 Sweden deemee\u00a0 Illihuu Fallaqa waliinillee bal\u2019innaan haasawu fedhee ture. Garuu ani Sweden daquu hindandeenne.<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Gabaabamatti, geegessoonni ESUE walmarii dheertuu godhanii waa afur yoosuu murteessan. Ka duraa, akka ESUEen ifa baasee ENLF deeggaru. Ka lammataa, barreessota ESUE ka alaa fi biyya keessatti facaasamurratti sagantaan ENLF , akkasuma qabsoon isiillee akka beekkamtu ibsuu; sadaffaa, ESUE keessaa nama nuttti dabalamuu barbaadu karaa karaan waan dandayame maraan \u00a0gargaaruu; afraffaa, miseensonni ESUE, akka nama tokko tokkootti, dhoysaan oduu takka takka bakka nu hindandeenne biyya keessa , keessattuu magaallawan gara garaa, akka nuu geessan, akkasuma biyyarraallee akka nuu fidan yaaluu&#8230; Haile Fiddaa mataa isaatiin birokraatota Oromo warra lafii ib OLF ijaaran ka Finfinneen turan waliin jabeessinee akka hojjachuu dandeennu gorsa nuu kennee ture. Marxist, Leninist ta\u2019ee akkamitti right wing namoota ta\u2019an waliin hojjadhaa siin jedhee jettanii na hingaafatina. Maaliif hintaane? Why not? Politikaan amantii waaqaatiimiti! Siyaasaan akkuma haalli jiruu jijjiiramuun jijjiiramti. Laalcha sirrii ka haqa ta&#8217;e qofa ka hinjijjiiramne ( principles ).\u00a0 Nu Oromoo keessaa warri maqaa amantii\u00a0 Christaanaatii fi amantii\u00a0 Islaamaatiin\u00a0 maqaa waaqaa\u00a0 jalatti dhokatee oli gaditti namatti\u00a0 dubbataa ol&#8217;aantummaa barbaaduu, guddinnaan , galgalaa ganama mala kijibaa ka gara garaatiin dalagani jiraatan! Har&#8217;a wanni gabayatti hingurguramne hinjiru fakkaata. Haile Fiddaa Oromummaa ofii nama yaadaan guddisee jabeessu ture Dargi waliin dalaguun balleessaallee haa ta&#8217;u malee.<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Waan asii olitti lakkaayerraa eegasii ka duraatii fi ka lammataa qofatu\u00a0 hujirra oole.<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Jidduma san warri lafii ib EPRP ijaaruu jiru, Birhane Masqal fa maqaa dhaaba takkaa jarjara guddaan labsanii Jazaa\u2018irirraa Dimashqitti nutti dhufan. Karaa tokkoon tokko haataanu nuun jedhaa, karaa biraatiin nuun waldoggomuu jalqaban. Warra ESUE akka diinaatti waan laalaniif nu waliin akka barbaadanitti hasawuu hindandeenne. Garuu \u00a0yaroo xinnoo booda Haile Fiddaa fa\u2019a odoo nuun hinmari\u2019atin yookanii nuu hinhimin utaalanii Dargitti galuun guddisee nu dinqe. Warri Birhane Masqal nu duruu dhugaa isinii himne jechuun guddaa gammadan. Dhugumaan qabsoo waraanaa gochuufillee akka jabaa socho\u2019uu turan. Birhaane Masqalii fi ani yoo hedduu wal&#8217;agarree haasawa dheera\u00a0 ifatti qabaachuu turre. Habashoota warra nu yaada bitaatti amanna jedhurraa nama akka isaa open, banamaa ta\u2019ee dubbatu\u00a0 hin\u2018agarre an. Garuu akka malee jarjaruu ture. Lafii ib Amaaronni warri EPRPitt galan waan inni Esayaasiif dalagu itti fakkaatee jennaan akka inni dhabamu godhan.<br \/><\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Waytuma san namni Tasfayee Taddasa jedhamu tokko Ka Beirutiin yoo san \u00a0ture bakka bu\u2019a ESUE ta\u2019ee yoo heddu nuun walqunnamtii gochuu ture. Eegasi warra ESUE ka dargitti gale afaanii fi barreessaanillee ifatti nubiratti abaaruu ture. Garuu Ji\u2019a lama booda dhokatee dargitti gale innillee!<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\"> Miseensonni ESUE hedduun warri an Awroophatti qunname har\u2019a hinjiran. Dargiin eega irraa hajaa bahe jara balleessuun waan beekkame.. Warri hafe hoo keessattuu Oromoonni maal ta&#8217;an? Namni waan kana hordofe jiraa&#8230;? Maal irraa baranna? Geegessoota ESUE irraa, haga an beekutti, namni har\u2019a jiru tokko Nagada Gobazeeti.<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Xiqqoo turree nu keessatti waldhabii gara garaatirraa ka ka\u2018e anaa fi namni biraallee tokko tokko haga tokko hujii \u00a0dhaabaa dhiifnee turre.<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Jidduu sanitti Haji Hussein Suraatii fi Elemoo Qilxuu\u00a0 qabsaayota Adaniin turan garii waliin waraanallee fe\u2018anii biyya seenuu dandayan 1973. Yaroo xinnoo booda\u00a0 lamatti qoodamanii Adanitti as deebi\u2019an. Haji Husseinii fi namoonni isa waliin turan waan tokko nuu himan; Bakaree fi warri isa deeggaru waan biraa. Yoma san walgayii miseensota ENLF ta warra ala turanii Adanitti \u00a0goone.. Bakaree fi warri isa deeggarullee walgayii\u00a0 godhan.<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Asirratti wanni tokko ka rakkoo ta\u2019e: Elemoo Qilxuu Adanitti as deebii dhabuu isaa ture. Misseesonni ENLF guddinnaan Elemoo Qilxuutti amantii guddoo qabaachuu waan turreef waan keessatti argame isarraallee dhagayuu barbaannee turree. Bakaree fi namooni isa waliin turan biyya keessatti ENLFiin diignee dhaba Oromo ijaarre jedhanii dhiyaatan. Husseinii fi warri isa waliin deebi\u2019an ka akka Abdalla Ismailii fi Luungoo lakki wanni akkasi hinargamne jedhan.<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\"> Bakareen maqaa dhaaba Oromootiin qabsoon waraanaa caracariit akka deemuu turte ifa godhe. Mootummaan Aden, eega dhukaasni qabsoo\u00a0 beekamee, akka inni bakka bu\u2019aa dhaaba haarawaa ta\u2019e hinbeeiteef.<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Xiqqoo turree Elemoo Qilxuutii fi qabsaayonni warri isa waliin waraana Adanii kaasanii biyya galchanii fi qabsaayonni biraallee ka nu hinbeeine qabsoo oddo godhan wareegamuun ifa ta\u2019e.<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Nu warri ala turre guddinnaan oduu malee waan biyyatti ta\u2019e guutumatti beekuu hindandeenne haga dhumaattu.<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Asirratti waa tokku jechuu na barbaachisa. Adeemsa keenna gabaabaa keessatti ani yoo tokkollee Hussein Suraatii fi Elemoo Qilxuu ka waan tokkorratti waldhaban takkaa hin\u2019arginne. Waan dalaguu barbaadan mara jarri lamiin yoomaraa ofii walta\u2019anii afaan tokkoon nuu dhiyessuu turan, gaafa ENLF labsinnelle. Namoonni tokko tokko, ka taa\u2019anii waan tare qofa alanshuu hujii godhatan akka gaafuma sanuu Elemoo Qilxuu dhaaba Oromoo ijaarra, Hussein Suraa lakki dhaaba Itoophia ijaarra jedhee waldhabanii fakkeessan. Kuni dhara ta\u2019uun beekkamuu qaba.. Gaafa sanillee yaanni jaraa dhibbaa dhibbatti tokko ture haga an beekutti:\u00a0 Nu Oromoon ummatootaa cunqurfama maraa ofitti qabnee, sochoofnee ol\u2019aantummaa Habashaa balleessuu dandeenna yaada jedhu qabaachuu turan. Elemoo Qilxuu yaada kana qabsaayonni Affarillee namoonni inni beekuu hedduun akka gargaaran naa himee ture Dimashqitti.<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Wanni tokko ka nu eeguu hinturin ka waa tokko tokko \u00a0nuu qulqulleessuu dandaye ifa ta\u2019ee argame:\u00a0 Bakareen nama haga jahaa ergamoota dhaabaatii jedhe Aden seensisee mootummaa Yamanitti dhiyeesse. Kana waliinuu jaraa fi Bakareen xiqqo turanii \u00a0waldhaban. Achi booda jarri waan argame nu himuu fi akka itti waliin dalaguu dandeennu yaada nuu dhiyeessuu jalqaban. Jara san keessa Abboomaa fi nama har\u2019a Galaasa Dilboo jechuun beekamutuu ture. Garuu Bakareen akkuma jarri nu waliin haasawuu jalqabaniin dirqamaan akka jarri Adanii ari\u2019aman\u00a0 mootumaa biyya sanii\u00a0 gaafate. Dhaabni takka gaaffii dhaaba biraa keessa hinseentu waan jidhameef, nu jara\u00a0 haga dandeennuun maallaqaan gargaaru malee waan biraa gochuu hindandeenne. Wanni jara irraa ifa nuu ta\u2019e : ka duraa, Bakaree fi jarri guddinnaan mana\u00a0 baroomsaattii fi waldaya dhoysaa ka Baaro Tumsaa fa\u2019a geegessuu turan keessatti walbekuu fi qabsoon Oromoo\u00a0 waraanan godhamuu barbaachifti yaada jedhu waliin qabaachuu yoodheeraa akka turan. Ka lammataa, yaroo sanitt Baroo Tumsaa fa\u2019a qabsoo waraanaatiif qophaayaa akka hinta\u2019in, akka hinbarbaadin, garuu\u00a0 namoota akka jaraa hinqabsoofna waraanaan jechuu turan karaa karaan sakaaluu akka turan; ka sadaffaa, Bakareen Socho\u2019a carcar jara irraa dhoysee eega qopheessee , eega Elemoo Qilxuutii fi qabsaayonnii isa waliin turan wareegaman booda dubbii akka jaraan gayee. Afraffaa, waan tareef dhiifama naa godhaa, fuulduratti waan tokkollee isiniin odoo walhinmari\u2019atiin hingodhuu jedhee jaraa ballama seenuun isa waliin maqaa dhaaba Oromo ta inni lallabse fudhatanii , geegessa cehomsaa of keessaa \u00a0waliin filatanii dalaguu akka \u00a0walta\u2019an. \u00a0Shanaffaa walta\u2019ii sanirratti hundeeffamanii Adan seenuu jaraa. Akka jarri jedhanitti Bakareen odoo jaraan hinmari\u2019anne ammallee Adanitti akka offi fedhetti waan mara\u00a0 gochuu jalqabe. Geegessaa haarawallee flachurratti\u00a0 killisootaa yamanii warra afaan Oromo dubbatu walitti waame qoonqa hedduun jara hinjifachuu yaaluu isaa nuu himan.<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Waan kana yoo laalle Bakareen dhoysaan haada gara garaa waan guduumfe fakkaata. Ta&#8217;uullee dandaya.\u00a0 Nama hamaallee fakkaata. Anaa fi inni 1973 wal\u2019agarre. Waan inni naa hime maraa irraa ka\u2019ee\u00a0 yoolaale ani har\u2019allee \u00a0Bakareen nama hama jechuu hindandayu mataa kiyyaan. Yaroo heddu ani waan dhibbaa dhibbatti itti amanu qofa dalaga naan jechuu isaa hinyaadadha. Bakareeni, akka amma an laalutti, dhugaa guddoo qabaachuu dandaya, . Garuu\u00a0 namni tokko tokko dhugaan isaallee akka beekamtuuf ka hinbarbaanne hinjira.. Bakareeni dhugamaan \u00a0nama\u00a0 goota ture. \u00a0Riiskii keessa seenee,\u00a0 rakkoo\u00a0 gara garaa fudhatee yaroo gabaabdu keessatti waa heddu dhugaa godhee ture. Namni akka isaa kun har\u2019a odoo jiru cal\u2019isuun na dinqa, odoo balleessaa feetellee qabaatee. Waan jiruuf waan argame maraa yoo fedhe har\u2019a ibsuu hindandandaya, barbaachisaa jedhee yoo yaadee. Balleessee dhiifama ( I regret ) jechuullee dandaya. Warra oduu asii achii funaanee nama waljibbisuusuu fedhutti karaa muruu dandaya dhugaa himuun. <\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Ani mataa kiyyaan gabaabamatti Hussein Suraatii fi Elemoop Qilxuullee akka qabsaayota Oromootti laala. Namni karaa karaan walcaaluu hindandaya. Jarri lachuu nama guddisee ummata keennaaf dhukkubsatu turan. Wanni argamillee guddinnaan waan hammeennaaf godhmee miti natti fakkaata. Kanaafu wanni ani balaaleffadhu hinjiru . Namni qabsaayaayu yoma waldhabellee bareedaadha. Badiin har\u2019a ka odoo dhugaan hinqabsoofnee taa\u2019eetumaan afaaniin waldhabu yokaanii akka malee waljibbee walmormu asii asii miti. Waan nama qaanessu. Hedduun keenna nama ofhin\u2019ulfeessine. Akkamitti qabsoo ulfeessina?<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Waan amma asitti barreessu kana hinbarreessa moo hinbarreessu, ammatti waan kana kaasuun faaydaa qaba moo waa balleessa jedhee yoo hedduu ofgaafadhe. Lakki waan kana kaasuu hinbarbaachisullee jedhee yoo hedduu murteesse ani. Garuu namoonni tokko tokko, akkuma asii olitti jedhe,\u00a0 karaa hedduun shakkii fi waljibbaa uumanii akka , ka biraa dhiisaatii, Oromoon Arsiitii fi Oromoon Harar wal\u2019amantiin, garaa tokkoon walhammatanii har\u2019allee waliin hinqabsooyne, oduu asii achii guuraa jiraatan. Kanaaf jecha waan kana kaasuun hinbarbaachisa jedhee irra deddeebi\u2019ee yaaduun dirqama natti ta\u2019e. Haata\u2019uu malee waan kana kaasuun guddisee natti ulfaate. Ammallee natti ulfaata. Yaada gurguddaa yaaduu dhiifnee maaliif dubbii xixiqqoo gandaa ta diiggaa funaanna namni keenna\u00a0 hedduun? Rakkoo dhugaa ta nu keessa jirtu waakkannee, ta hinjirre maaliif uumna?<br \/><\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Nu warri ENLF jalqabe hundinu ummatoota cunqurfamoota biraarraa nama akka barbaachisutti ofitti daballee duratti deemuu dadhabnee maqama Oromootiin dhaaba yoo ijaarre hinwayyuu yaanni jedhu nu\u00a0 mara \u00a0keessa yoo heddu ka\u2018uu ture. Hata\u2019uu malee, namni yaada kanarratti yootokkollee walmormee waldhabe haga an beekutti hinjiruu ture. Wayta san miseensonni garri irra jiran walgayanii ENLFiin dhaaba Oromootti gara haagalchinuu oddo ka jedhan taate anillee hindeeggaraa ture natti fakkaata, har\u2019a yoo ufduuba deebi\u2019ee laaluu.. Garuu dubbiin kun hin&#8217;argamne. Leenco Lataa Haji Hussein Itoophiyaa jedhee Oromummaa dura dhaabate jedhee maqaa nama balleessuu yaale. ENLF qabatamatti,dhugaa dubbachuuf, dhaaba Oromo turte jechuun hindandayama nama beekuuf, karaa hedduun. Habashootallee wanni akka malee jarjarsee sodaachise tokko kana. Oromoon maqaa Itoophiayytiin biyya qabachuu barbaaddi jidhanii rifatan. Nullee akkuma jarri godhan waan goonu itti fakkaate ta&#8217;a! Dhugatti nu ammoo sanillee akkasitti hinbarbaanne.<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Kuni martinuu nama beekuuf waan himuu barbaachisuumiti. Garuu nama keenna heddu ofii fi nama biraallee sossobuun aadaa itti taatee jirti. Namni dadhabaan yoo maraa akkana. Warra ENLFiin waliin labsinerraa lafii ib nu jalqabumarraa ENLFiin odoo hinta\u2019in dhaaba Oromoo haa&#8217;ijaarru jenne jedhee namni haaswu jiraachuun beekamaa&#8230; Namoonni yaada rakasaa.<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">1973 irraa qabee hujii dhaabaatti deebi\u2019e ani. Haga 1995 gara irra jiru Adanitt gaafatama koree gaafi alaa na godhanii dalaguu ture. Mootummaan Aden dhiibbaa Russiatiin Dargii fi nuhi walitti araasuu yaala gochuu jalqabde. Haji Hussein fa\u2019a waan kanaaf jecha yoo dheeraa Adenirraa fagaatani turan. Nu warri achi turre qabsaayota keenna karaa karaan Adenirraa baasuu jalqabne. Dhumatti anaa fi Abdul Hafiz Abdalla, gaafatamaa koree informeeshiina, qofatu Adenitti hafe, dhiibba motummaa yamaniittiin.<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Bakka gaafatamaan mootumma Aden jirutti ergamtoota Dargiitiin ( geegessaan nama MAISON ture) walqunnamti goone. Wayta agendaa lafa keennu duraan dursee gafiin Ertiraa\u00a0 akka agenda keessa ooltu barbaadani.\u00a0 Akkuma nu laalcha keenna itti himneen waan geegessaa jaraa hinta\u2019in martinu aarii cimtuun ol\u2019utaalanii isinii diina ummata Itoophiyaati jedhanii iyyani, nu abaaran! Geegessaan jarana akkana hinta\u2019inaa\u00a0 please jedhee olka\u2019ee Afaan Amaaraatiin jara odoo kadhatuu! Namicha san ji&#8217;a tokkoo odoo hingayin Dargiin ajjeefte.<br \/><\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Wakilli mootummaa Aden ka achi nu waliin ture balleessaan ka jaraatii nu Dargitti dubbannee,\u00a0 ergamtoonni biraa akka dhufan goonaa hagasii isin biiroo teesanitti deebi\u2019aa, nu eegaa nuun jedhe. Gaaf tokko galgala Abdul Hafizii fi ani teennee odoo Radio caqafnuu sekuuritiin biyya sanii biiroo nu fuudhani mana hidhaa ka dukkanaattii nu darban. Ganama akkuma aduun baateen Aden Airportitti nu darbarsan. Ethiopian Airways taa\u2019ee nu eeguu ture. Garuu nu qaata lafa jala haala keenna bakka bu\u2018oota dhaabii PLOtii fi ta birraallee beeisifnee waan turreef haala keenna hordofuu turan.<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Mootummatti afaan tokkoon dubbatani akka Kuwaititti baanu nu godhan. Bakka bu\u2018oonni\u00a0 PLOtii fi ka\u00a0 Ertiraa warri Kuwait turan akka Kuwait seennu nu qarqaaran. Haga xiqqotti du\u2019a jalaa baane.<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Akkanatti\u00a0 misseensonni gara gara facaane. Dhuma- the beginning of the end- jechuun hindandayama. ENLFfii fi dhaabdi Oromo haarofni ta dhukaasa qabsoo carcar irraa labsamtille walumaan waan ta\u2019an ta\u2019an jechuun hindandayama. Kanaamiti namni jedhee amanu dubbadhaa, isin caqasaa. Waan tare akka aadaa Habashaatti dhoysuu dhiifnee, ummata keennaa dhugaa himuu haabarannu. Balleessaa tarte irraa haa barannu, surrii teennatti dalaguun.<br \/><\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Lafii ib akka odeessanitti warra Adenii Somaaletti darbaman , jechuun, Abbooma fa\u2019a guddinnaan\u00a0 Mootummaa Somaleetii fi OLFituu waliin ukkaamsan jedhama. Galaasaa Dilboo waan ta&#8217;e hinbeeka. Garuu akkuma jedhe nu\u00a0 aadaan ol&#8217;aantota Amaraa ta waan mara dhoysuu waan nafa keessa nu seenteef cal&#8217;isuu flanna\u00a0 hedduun kenna..<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Irra haa deebi&#8217;u:Waaan argame mara anatuu beeka kunoo laala, ilmaan Oromoo, ana qofatu dhugaa beeka,\u00a0 dhugaan akkana fakkaatti jechuufiimiti wanni waan kana mara barreessuuf..Ammallee gaafiwwan asirratti kaaterraa waan ani hinbeeinetuu irra guddaa.<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Gaafiin amma\u00a0 nu keessaa namni of ulfeessu martinuu kaasuu barbaachisu garuu: Oromoon guddinnaan haga yoom mataa isaa lafatti cuqqaalee cunqursaa fudhatee , cal&#8217;isee jiraata gaafi jettu. Maaltu gara irra jirru ummata laamshayaa nu godhe? Maliif waaqa akka ilma namaatti ulfaata godhee nu uume saalfachuu dhabne? Waan tare alanshuu warra baraterraa haafagaannu! Mataa olqabannee karaa dandeennuun, waan dandeennu maraan \u00a0amma haa qabsoofnu jechuufi. Haga hafuurri nu keessa jiru. Little drops of water, little grains of sand, make the mighty ocean and the wonderful land jedhama. Namni afaan Oromootiin geerraruu dandettan jecha kanaa afaan keennatti gara naa galchaa! Waan birallee gochuu yoo dadhabe abbaan fedhee na haa jibbuu dhugaa\u00a0 natti mul&#8217;attu dubbachuu hindadhabu. Haga jiru.<br \/><\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Namni Oromumma akka amanti rabbii yookaani dogmaa godhatee akka awraadaa isiin tasbee lakkaayu, waan Oromummaa malee waan biraa hinhaasofnee, glagalaa ganama tokkuummaa , tokkummaa nu barbaachisa jedhee\u00a0 mantra dubbatu marti akka dhugaa hindubbanne, yookaanii\u00a0 akka hinqabsoofne hinbeeina, walitti himuu nu hinbarbaachisu.<\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Ummanni martinuu haala isaan maluun ( deserve Godhuun ) jiraata jedha warri seena barreessu tokko tokko. Oromoon haalaa ofiitiif duraandursee ofmalee wanni aalatu jiraachuu hinbarbaachisu, walumatti qabatti. Wanni beekamuun barbaachisu: Eega tokkummaan argamtee miti ka namni qabsaayu. Eega qabsoon argamte ka tokkummaan argamtu. Tokkkummaa dhugaa\u00a0 qabsotuu argamsiisa malee arrabaa fi hawwi qofaa miti. Wayyaneen odoo \u00a0nu Oromoon teennee, guddinnaan, \u00a0arrabaan dubbannu biyya saamuu, ka fedhe hidhee ajjeesutti jira. Tuffii ol\u2019aantonni Tigrai ummata keennaaf qabdu hujiin\u00a0 cabsuun dirqama, yoo ka ofulfeessinu, adduniyaanille akka nu kabajju ka barbaannu taate. Ummata ofhinkabajne adduniaan hinkabajju yoomuu. Adduniyaa keessatti har&#8217;a warra nu mooyatutuu ulfinna nurra qaba. Nama of salphisu namuu irraa dheessa. Akka nama tokko tokkoottuu kana hinbeeina.<br \/><\/span><\/p>\n<p><span style=\"font-size: medium;\">Ummata Oromoo keessa haala gara garaattu jira. Yoo tokkotti Ummanni Oromoo martinu waliin haa qabsaayu jedhee namni eegu nama ofittii fi ummatattille \u00a0dhugaa hinhimne jedhee laala ani. Ummata keennarraa warri dhugaan \u00a0qabsaayuu barbaannu ka qabssaayuu hinbarbaanne teennee haga inni of beekutti eeguu hinqabnu.Isa waliinillee teennee yaroo guddoo gubuu hinbarbaachisu.Tole tole gooftaa koo jechuu waan barateef fuula hinqabu:Nama surriin yoo dheeraa gabraaye\u00a0 blisummaa isaatiif akka qabssayu gochuun taphaa miti. Amantiin Islaamaa balleessaa fi dadhabbinna feetellee yoo qabaatte xiqqaate xiqqaatee akka nu ol&#8217;aantota warra Habashaatii surrii fi qaamaanillee gabra hintaane, mara keennallee ta&#8217;uu baatu, hedduu keenna,\u00a0 gootee jirti.\u00a0 Haa galatoomtu. Barreessa tiyya\u201d from my beliefs\u201d keessatti waa heddu ka waan kanatti rarra\u2019u <\/span><span style=\"font-size: medium;\">haga dandayuun ibsuu yaalee jira. Asitti irra deebii na hinbarbaachisu. Ulfaadha.<\/span><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Eega adda blisummaa ummata\/toota Itoophiyaa (ENLF) Dimashqitti 1972 labsine booda \u00a0waan argame tokko tokko\u00a0 asirratti kaasuu fedha. Adeemsa qabsoo teennaarraa waa heddu baranna. Kana malellee namoonni<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/41"}],"collection":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=41"}],"version-history":[{"count":0,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/41\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=41"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=41"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=41"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}