{"id":21,"date":"2010-01-11T19:57:58","date_gmt":"2010-01-11T19:57:58","guid":{"rendered":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/2010\/01\/11\/yaadachiisa-gudda\/"},"modified":"2010-01-11T19:57:58","modified_gmt":"2010-01-11T19:57:58","slug":"yaadachiisa-gudda","status":"publish","type":"post","link":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/2010\/01\/11\/yaadachiisa-gudda\/","title":{"rendered":"Yaadachiisa gudda"},"content":{"rendered":"<p class=\"serendipity_title\"><strong><span style=\"font-size: x-small;\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\"><span style=\"font-size: medium;\">Karaa maraan haaqabsoofnu<\/span><\/span><\/span><\/strong><\/p>\n<p> <!--             <span class=\"serendipity_entryIcon\"> <\/span> --> <\/p>\n<p class=\"serendipity_entry_body\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\"><img src=\"http:\/\/bariisa.com\/serendipity\/uploads\/Gaint_Honey_Bee_28Apis_dorsata29_on_Tribulus_terrestris_W_IMG_1020.serendipityThumb.jpg\" border=\"0\" alt=\"Gaint_Honey_Bee_28Apis_dorsata29_on_Tribulus_terrestris_W_IMG_1020.jpg\" title=\"Gaint_Honey_Bee_28Apis_dorsata29_on_Tribulus_terrestris_W_IMG_1020\" \/><\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\"><a href=\"http:\/\/bariisa.com\/serendipity\/index.php?\/archives\/34-Yaadachiisa-gudda.html#_Hinyaadachiisa,_hingaafachiisa,_hindhaa\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Hinyaadachiisa, hingaafachiisa, hindhaabachiisa<\/span><\/a><\/p>\n<p class=\"serendipity_entry_extended\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Bariisa yaada haarawaan haa guunnu<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Yaaduu fi yaadachuun walkeessa jiran. Yaanni dhugaa<\/span><\/p>\n<p class=\"serendipity_entry_extended\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">   <!--more-->  <\/span><\/p>\n<p class=\"serendipity_entry_extended\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">gaafii kaasa. Eegasii waa gad dhaabuun hindandayama. Kuni martinu fedhi ofiitiin seera fi disiplinii godhachuu barbaachisa. Dhugaa jiruu ilma namaa karaa hedduun mul\u2019 isuun hinmmijaaya: amanti (religion ), filosofi, beekkomsa qabatama akka saaynisi, ogummaa (art )fi barreessaa bareeddu( literature ). Mara keessaa dhugaa guguddotu jira. Mara keessaa waa xiinxallutu jira. Waa xiinxalluun huumna -energy- cimaadha.\u00a0Bakki itti ilmi nama horiin yookaanii bineensaan addan jiruun asii. Namni jabeessee waa hinxiinxalline horii fi bineensaan fagoo addan hinjiru. Bineensaa fi horiin badaa jechuu kiyyaa miti. Hujii ulfataa guddaa qaban akkuma beeinu. Waan uumamaniif akka gaarii godhan.\u00a0Ka biraa dhiisaa rumichinuu. Raammoonu, bakteerianuu. Nama qofa ka faallaa uumaa isaa dalagu.\u00a0Namni hinxiinxalline ofiif fi nama biraattiillee diina guddaa, ka mara irra guddaa ta\u2019uu akka danfdayu gaafiin hinjiru. Waan guyyaa mara agarru. Namni ammoo beekkomsa,\u00a0xiinxalluu fi yaada\u00a0 isaatiin badii gochuuf\u00a0 dalagu mara irraa diina ilma namaati.. Saayinsiin billawa karaa lachuutiin qaraati. Warri namaa fi lafallee saamu akka hama itti hojjachutti jira. Walgaiin biyya adduniyaa ta Denmaarkitti dhiyeenna kana \u00a0godhamte rakkoo isiin irra geette namni isii hordofe martinu hinarga.<\/span><\/p>\n<p class=\"serendipity_entry_extended\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Nu Oromoof\u00a0gaafiin duraa gafii cunqursaa habashaa jalaa bayuuti. Dhugaa teenna qabsoo waraanaa qofa odo hintta\u2019in karaa dhugaa jiruu ilma namaa iit mulisuun danadayamuu maraan mulisutuu nurra jiraata jedhee amana ani. Cunqursaan hamaan\u00a0 seena ilma namaatti fakkeenna hinqabne ka nurra gaye, ka nurra gayutti jiru,\u00a0akka nu , umanni Oromo, guddinnaan ofitti, dandeettii teennatti, hinamanne nu godhee jira. Karaa maraan akka uumaa teennatti deebinee mataa olfuunee dachirra deemuu dandeennuuf tataaffii gochuu qabna. Waan mara caalaa karaa saikologiitiin nurra gaye miidhamni&#8230; qalbii teennatu miidhame, cabe .\u00a0Nu keessaa namni heddu beekkomsa mana baroomsaarraa- academic achievement-\u00a0 beekkomsa siyaasaatiif qabsoo eega. Kunillee, seenaa ilma namaa yoo laalle, ofsossobuudha.\u00a0Qabeennaa fi beekkomsa mana baroomsaa, ka nama\u00a0lakkofsi isaa xiqqaatiin\u00a0qofaan madaan teenna hinfayyituu, jechuun,\u00a0 ummanii keenna bal&#8217;aan akka ulfinna yookaanii haqa isaa argatu ta&#8217;uu hindandeennu.. The opposite can be the case. Faalaa ta&#8217;uu dandaya.<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoBodyText\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Mootummaan Amaaraa guddinnaan humna qofaan nu bulchuu turte. Mootummaan Tigree waraana biratti akka hamaa nu sossobuullee barbaadi. Ol&#8217;aantonni Tigree seenaa ofiirraa ol\u2019aantota Amaraa caalaa baratanii jiran. Karaa ol\u2019aantota Ammaaraatiin empayirii Itoophiyaa umrii isii dheeressuun akka hindandayamne hinbeekan. Firri alaallee hingorsa.\u00a0Kanaaf nu keessa nama yaadaan sossobamu yaadaan sossobuu, ka bitamu bituu\u00a0barbaadan.. Yaadaan sossobamuun waan mataa kiyyarra gaye waan ta\u2019eef oduu yookaanii laalacha qofaa miti. Garuu, kunillee waan narra gayee mataa kiyyaan arge, wayyaaneen nama Oromoo ka xiqqoma of ulfeessu, ka taree taree lakki, no, isiin jechuu , sirriin yaadaan (logically) isii waliin gad taa&#8217;ee,\u00a0karama nagayaatiinuu mormu dandayu waliin dalaguu hinfeetu,\u00a0hindanfdeettu. Nafaan nu tuffatti. Ol&#8217;aantummaa guddatu jaratti dhagayama, haga fedhanillee dhoyfachuu yoo yaalanille. Abraha Manjus namni jedhamu, miseensi geegessaa TPLF ana siree gubbaa ciifsee. ofii miila kiyya jala lafa ciisaa, ana ajajuu yaaluu ture. Yoo tokko siree irra koottuu ciisii ani lafa ciisaa, ammo ajaja\u00a0 hintaane naa hinkennin ani jennaan dubbii kolfatti gara galchuu yaale. Dhugaa siin jechuu kiyyaa kolfatti gara hingalchin jedheen. Guddaa rifate&#8230; Tasatti kolfi isaa aaritti jijjiirame. Ani garaa kiyyatti gaaf tokko namich kuni na ajjeesuu akka dandayu yaade.\u00a0Manjus jecha kiyya san gooftota isaa bira yoosuu geesse&#8230;Ija biraatiin na laaaluu jalqaban.\u00a0Haga dhumaattuu guutumatti ija tuffii, ta Kumaa Dammaqsaatii fi Abbaa\u00a0Duulaatiin laalaniin na laaluu hindandeenne.\u00a0Waan ofii argerraa dubbadha.Yoo xiqqaa keessatti waa heddu argee jira, hingaabbu.<\/span><\/p>\n<p class=\"serendipity_entry_extended\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Kanaaf jecha karaa nagayaatiin wayyaanee waliin hojjannee waan dhama qabu arganna jedhee ka yaaduu har\u2019a yoo jiraatee hirriibarraa ka\u2019uu qaba.\u00a0 Nama hirriibaa ka&#8217;e keenna kaleessa ati wayyaanee waliin dalagde jinnee xureessuun wallaala guddaa. Wanni jabaan namni keenna diina jalaa bahuu. Saayinsii waraanaatii fi waan biraallee ka diinni akka inni ummata ofiitiin lolu barsiise qabsoo ummata isaatiif itti dalagu.\u00a0Garuu wayyaaneen nama keenna ka isa jalatti dalaguu waa guddaa akka hinbarsiifne, akka bakka strategically cima ijaarmayamootummaa keessatti isa hinkeenne hinbeeina.\u00a0Har&#8217;a namni wayyaanee waliin dalagnee\u00a0 haqa teenna\u00a0 dhugamaan arganna jedhee ka yaadu\u00a0 guddatee waan jiru natti hinfakkaatu. Namni xiqqo of ulfeessu yoomara sossobamuu hindandayu. Ammatti warra faayda mataa ofiitiif qofa\u00a0 yookaanii sodaaf isiin waliin hojjatu rakkoon. Kuni ammoo yoomaraa hindhabamu. Waan ajaa&#8217;ibaatii- wayyaaneen ammoo nama akkanaa kanarra namni isiin tuffattu hinjiru. Garii saantimii xiqqoo\u00a0itti darbitee\u00a0akka harreetti olii gad ariiti.\u00a0Warri\u00a0wayyaanee jalatti hojjatu\u00a0&#8220;odoo beekuu hansaraa maal waliin nyaadha sareen jette &#8221; akka jedhan sani dubbiin jaraa!\u00a0Wayyaanee caalaa namni rakkoo natti ta&#8217;e haga ani EPRDF waliin\u00a0dalage nama akkanaa kana yoo jedhe keessa dabarsuu fakkaata.. Waan dagadhuumiti, haga jiru. Hedduun keenna miilaan lafarra deemna malee nama du&#8217;e.<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoBodyText\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Kana maleellee, nu keessa namni amantii Islamaatii fii amantti Kristaanaatiin nagadatee jiraatullee asii asii miti. Namni akkanaa kuni tokkummaa ummata Oromootiif qabsoo isaarra miidhama diinni keenna fedhu geessutti jira.<\/span><\/p>\n<p class=\"serendipity_entry_extended\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Kun martinuu rakkoo teenna guddoo.\u00a0Hiikkaa barbaddi. Rakko heddu ta nu keessa jirtu tana maraa\u00a0huumnaan hiiku hindandeennu. Karaa biraatiin dalagutuu nurra jira. Hujii kanarratti keessattuu dawwisoon-\u00a0theateriin\u00a0&#8211; guddaa nu gargaara jedhee amana ani. Kunillee waan takkatti ta&#8217;uumiti. Qabsoo dheertu waliin deemuu barbaachisa..<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoBodyText\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Maraafu qorichii akka nu uumaa teennatti deebine ofiitti ammannu gochuu karaa maraanu.Uumaan namni martinuu leenca. Cunqurasaa fi xiqqeenna namni namarraan gayutuu akka namni akka waraabessaaa ta\u2019u godha. Waraabessa namaa bulchuun nama hindhibu.\u00a0 Alaa fi keessaallee taree taree waa itti darbuu qofa barbaachisa. Garaa guutatee akka rafu, akka nama biraallee raffisu.<\/span><\/p>\n<p class=\"serendipity_entry_extended\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Ani Damascus yuniversitii keessatti , degree argachuu haadhabu malee, waggaa shan barreessaa bareeddu (literature ) baradhee ture. Garuu haga ammaatti itti dalaguu hindandeenne. Yoodheera fayyaan tiyallee akka ani barbaadutti akka ani hindalagne na gootee turte. Amma ammo galanni waaqa haa gayuu\u00a0 akka fedhutti guddisee socho&#8217;uu dandaya&#8230;<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoBodyText\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Tapha\u00a0 ( Play ) gaggababa afaan kennaan dhiyessuu yaalutti jira, bariisa.com irratti.. Arguu hindandaya namni isii dubbise. Akki ani itti dhiyeessu kuni sirna drama\u00a0mara hinguutu. Haata&#8217;u, yaada tokko tokko calanqiisuu hindandaya\u00a0 natti fakkaata..\u00a0Namni waan kanaa fi waan biraattillee ka kana fakkkaatu dandeetti fi fedhi qabdani ofdhiyeessitanii waliin dalaguu dandeenna abdi jettu qaba. Ilmi Oromoo qajeelaan ( guddinnaan akki itti nu guddisan akka jallataa taanu nu godhee jiraa! )\u00a0bakkuma jirrutti odoo walhineeine haga dandeetti ofiitiin, walii fi addattillee qabsaayuu barbaachisa yaada jedhu qaba . Amoo, dhugaa dubbachuuf, ani mataan kiyyaa yaada kana akka barbaachisutti itti hojjachuu hindandenne haga ammaattuu..<\/span><\/p>\n<p class=\"serendipity_entry_extended\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Haga\u00a0 dhaabbiin Oromo tokko taatu eeguun of sossobu. Dhaabbii dhugaan hinjirre!\u00a0Dhiifama naa godhaa warri karaa karaan qabsaayutti jirtani&#8230; Dhaabbii dhugumaan qabsoo ummataa geegessitu jechuu kiyyaa.\u00a0Dhiyeenna kana Paltalk caqasuu jalqabee ture. Wanni achirratti dubbatamu wanni dhaabbitti rarra&#8217;u\u00a0hedduun waan namni of beeku dubbatuumiti.<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoBodyText\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Obboleewwan kiyya, obbolettiwwan tiyya, walhaadammaqsinuu, yoo barbaachisellee walhaalollu! Sodaa walirraa haaballessinu.Walhaaleenjifnu, odoo diina hinmooyatiin walhaamooyannu. Seenaa ilma namaa akka gaarii yoo dubbifne- if we interpret it correctly- adduniya tanarratti ummani cimaan martinuu ummata ofii ofleenjise, walleenjise.\u00a0Seenama teennattuu gaaf\u00a0gadaan teenna jabeenna qabaachuu turte gaflaa hinbeeinuu turre. Dhugamaan huumnaa fi dandeetti teennatti, akka nama tokko tokkootii fi akka ummtattillee, amanuu turre. Humni teennaa yaadaa fi abdii\u00a0qofaan odoo hinta&#8217;in qaamaan nutti dhagayamuu turte.\u00a0Dinni keennallee nu kabjuu ture, nu cabsuu dhiisi. Seeraan, yoo barbaachisellee humnaanaan, wal&#8217;adabachiisuu turre. Kana qofaamiti: waan dhugamaan garaan itti amannu, waan mataa kenna, akka nama tokko tokko caalaa jaalannu, waan itti boonnuuntu ture. Yoo san\u00a0namni nu jibbu dhaabatee ija keessa nu laaluu hindandeenne.\u00a0Har&#8217;a maali wanni keenna jennee dhugamaan afaan tokkoon qabatamatti, hawwii qofaan odo hinta&#8217;in, itti\u00a0amnnee, yoo barbaachisellee gaafii malee- spontaneously-\u00a0wareega goonuuf? Maalitti boonna, waan dhamatti ofii goone? Waan abboonni keenna yoo gadaa guddoo godhan odoo\u00a0hinta&#8217;in .\u00a0 Namoota ofnuuwareeganirratti\u00a0 qofa odo hinta&#8217;in waan nu ka jirruu ofii goonu jechaa. Badiin teenna guddoon har&#8217;a nu keessa wanni dhugumaan kabajnu hinjiru, wanni keenna ka ofkeessaa sodaannu, akka seeraatti haata&#8217;uu, akka ijaarmayaatti hinjiru.\u00a0 Walii hin&#8217;ajajamnu; diinaa jaalannee jibbinee hinajajammna. Akka fedhe nu godha. Walsossubuun aadaa nutti taatee\u00a0\u00a0wal sossobuu haadhiifnu ( yookaanii kabajaa dharaa )\u00a0karaa dandayamu maran. Bariisa tanatti namni kabajaa dharaa baratee aaruun beekamaa. Isiinuu nama akkanaa irraa waan dhamaa hin&#8217;eeidu.<\/span><\/p>\n<p class=\"serendipity_entry_extended\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Yoo dhugaaf walloluullee sodaanne mee xiqqoo walhaa&#8217;ugginu,ija keessa walhaalaallu\u00a0fedhii gaariin, niyyaa gaariin.\u00a0Surri teennaan mataa keennaaf qofa odo hinta&#8217;in bal&#8217;ifnee haa yaannu. Faaydaa mataa keennaa ta dhugaatifillee, akka\u00a0\u00b4nama tokko tokkootti, akkastu irra gaarii, bu&#8217;aa guddaa nu gammachiisu ka waan mara caalu arganna.\u00a0 Ofkeessaa huumna -energy- guddaa sochoosuu &#8211; moblize-gochuu\u00a0 dandeenna. Wanni amma abjuu dhugaa akka inni ta&#8217;u gochuu dandeenna. Warri nu mooyatu faaydaa mataa\u00a0ofitiif fi\u00a0seenaa\u00a0 ofiitiif nu caala dalagan, odoo dhara dalaganuu\u00a0. Nuu olitti yaadan, odoo dhara dalaganu.\u00a0Nuu olitti qubawalqabatan, odoo dhara dalaganuu.\u00a0Akka waan nucaalaallee dhugaaf\u00a0dhaabatanii of fakkeessu adduniyaa duratti dandayani jiran..\u00a0Nu\u00a0 saalfachutuu nurra jiraata. Akki\u00a0 nu itti jiraannu guddinnaan qaanyaa guddaadha, yoo qaanyayuu ka dandeennu taate jechuu kiyya. Nama akka malee miidhame heddu qaanyaanillee itti hindhagyamu. Saikolojiin namaa waan laafaa miti. Badii ilma namaa. Badiin -Tragedy- abaarsa jechuumiti. Haala rakko ilma namaa ta abbaan qooda guddaa, beekkomsaan haata&#8217;uu wallaalaan haat&#8217;uu,\u00a0itti taphatu jechaa. Gara irra jiru wallaalaan.\u00a0Waan garaa nama nyaatu, ka nama sochoosu, akka namni booyu nama godhu,\u00a0akka namni waan jiruu tanaatti dinqaayu nama godhu, laalcha nama bal&#8217;isu.\u00a0Akkuma ta&#8217;een faaydaa mataa ofiitiif qofa jiraachuun abaarasa\u00a0 guddaa..<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoBodyText\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">.Yoo abbaan ofhin&#8217;ulfeessin, of hinbeekin\u00a0namni isa ulfeessu , ka isa beeku hinjiru. Of&#8217;ulfeessuf, akka natti fakkaatutti, waan mara dura, karaa gaariin, riphuu dhiisuu,\u00a0riphuu diduu nu barbaachisa. Karaa gaariin aggressive ta&#8217;uun barbaachisaa.\u00a0Warri nu cunqursu akka yoomaraa nu riphnu fedha, akka nu yoo maraa passive taanu. Wayta ajaja jaraa hujii irra oolchinu qofa akka nu aktiv, over active,\u00a0taanu barbaada, akka nu jaraaf duunu, akka nu jaraaf qofa jiraannu. Yoo nu gabbisanillee\u00a0gaaf tokko nu qalachuufi, nu saamuufi. Qabeenni keenna nutti fakkaatullee, gad qabnee yoolaallee, keennaamit guddinnaan..\u00a0Kuni ilaalcha kiyyaa miti.\u00a0 Waan ani ofirraa kaasee bekkomsa\u00a0 kiyyaan adda itti gayee miti. Seena warra ilma namaa cunqursuu, xiqqeessuu , saamuu baratee maraa laalee dubbachutti jira. Ani waan aariin dubbadhu fakkadha ta&#8217;a. Waan argame, facts, qofarraa dubbachutti jira. Nama of-walsossobu qofa ka dhugaa tana arguu hinfeene, waan riiskii fudhachuu hinbarbaanneef. Riisii guddoo odoo hintaane xixiqqooyyuu fudhachuu ka hinbarbaanne.<\/span><\/p>\n<p class=\"serendipity_entry_extended\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Anaaf qaanyaa guddaadha , karaa kaaniin,\u00a0namni ani Oromoo ofiin jedhu Somalia yookaanii Eertraa irratti\u00a0habashootaf duuluun. Of course namni ummata ofiirrattu duuluu ummata biraarratti maal hayya.\u00a0\u00a0 Ummata ofiitiif qabsaayuraa odoo dheessan guddinnaan dirqamaan diinaa du&#8217;uun xiqqeenna akkami!<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoBodyText\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Karaa gaariin\u00a0 waldura haadhaanannu jechuun kiyya- of sirreessaa , isinillee warri barreessa tana dubbiftan na sirreessa- konstuctively jechuu\u00a0 kiyya.<\/span><\/p>\n<p class=\"serendipity_entry_extended\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Waan badaa diiynee waan gaarii bakka san buusuu nu barbaachisa.. Kuni ammoo riskii yoo fudhanne malee hindandayamu. Kaxara itt akka gaarii\u00a0 yaadame &#8211; well calculated risk- jechuu\u00a0 kiyya. Yoo gad qabnee laalle jiruun yoomaraa riiskii .Fullstop. Diinni keenna akka nu aariin qiletti ofdarbinullee waan barbaaduuf guddifnee waa xiinxallutuu nurra jira.\u00a0 Nuura yookaanii aduu teenna ta\u00a0\u00a0bariisaatiin olka&#8217;uu dandeenna yoo barbaanne. Dukkana keessallee nuurri hinjiraa hindagatinaa.\u00a0Ulfaadha.<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Yaadachiisa guddaa afotti yaadachiisa<\/span><\/p>\n<p class=\"serendipity_entry_extended\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Bariisa.com maal barbaaddi, jechuun, maaliif dhaabatti?<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Yooheddu waan asdura jedhame irra deebi\u2019ani walyaadachiisun faaydaa guddaa qaba. Afaan arabaatti \u201eannaas\u201c jechuun nama jechuu. Kara biraatiin \u201edagataa\u201c jechuullee ta\u2019uu dandaya. \u201e Nisyaan jechuun dagacuu. Namni xabii\u2019aa isaatti waan amma amma dagatuuf yaadachiisni barbaachisaa jedhama. Gaaf bariisa .com jalqaba baate, yaanni isiin irrati hundeeffamte gabaabinnatti ibsame ture. Akkasuma bakki maqaan isii irraa ka\u2019ellee. Asitti waan kana maraa xiqoo bal\u2019isee dhiyeessuu fedha.<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">1972 ani itti aana obbo Ismaa\u2019il Ali, rabbi <\/span><a href=\"http:\/\/bariisa.com\/serendipity\/rahmata\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">rahmata<\/span><\/a><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\"> isaa haagodhuu, ta\u2019ee biroo teenna ta Damascus keessa dalaguu ture. Yoo tokko Isma\u2019il passport isaa haarawoomsuuf Kairo deemee embassiin Somalia passporti irraa fudhattee ji\u2019a jaha ol Kairo keessa turuun dirqama itti ta\u2019e.. Rakkoodheertu booda ani passporti biraa arguufii dandaye. Haga inn Kairo ture san garuu ani hujii biiroo maraa gochuu ture. Waan mara dura waan seena Oromo gababinnan barreessu fedhe. Kanaaf ammoo kitabban seena tokko tokko dubbisuun dirqama ta\u2019e. Beiruutii Kitaabbaan tokko tokko yoosuu argachuu dandaye, akka yaadadhutti , fakkeennaaf, Islam in Ethiopia, Trimmingham, J. Spencer, Ethiopia Today, Richard Greenfield fi waan Pankhurst, Richard, barreessellee. Eegasi kitaabban biraallee argachuu dandahe. Yoo sani wayti ani Pamphletii bariisa jedhamtu afaan arabaatiin baasuu jalqabe, eega Haji Husein Suraatiin mari\u2019adhe booda, rabbi rahmata isaa haagodhu.<\/span><\/p>\n<p class=\"serendipity_entry_extended\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Bariisaan sun akka torbaanitti yookaanii yoo akkan xiqqaatte ji\u2019an baatu yaadee ture. Garuu sababa gara garaatiin akki an barbaade ta\u2019uu hindandayamne. Haata\u2019u malee yoo shani jaha baatee biyyallee geettee turte.<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Bariisa.com maqaan malee waa hedduun bariissa Damascussirraa addaan jirti. Bariisaan Damaskus yaada nama tokko tokkoo odoo\u00a0hinta\u2019in guddinnaan yaada dhaabaa calanqiisuu turte. Anillee yo san miseensa dhaaba ture.Ani ammatti miseensa dhaaba takkaatiimiti. Waan natti fakkaatu akka fedhutti muli\u2019isuu dandaya, fedha. Bariisaa.com blisummaa yaadaa irratti dhaabatti. Haala biyya teennaatii fi naannoo teennaarratti namni waan dhugaan itti mula\u2019tu akka waldura qabee, waan irratti walta\u2019uu dandayurratti walta\u2019ee , waan irratti walta\u2019uu hindandeennarrratti karaa nagayaatiin, afaaniin, jechuun , yaadaan walmormuu dandayu yaada jedhurratti hundeeffamti.. Ummanni dhugaa barbaadu haala dhugaa arguu akka itti dandayu mijjeessuuf. Dhugaan ammoo monopolii nama yookaanii dhaaba yookaanii waldaya tokkoo waan hintaneef yaadaa walbira qabanii sodaa malee waan namatti fakkaatee lafa kaayuun guddisee barbaachissa. Kana goochuuf ammoo yaada dimokrasiittii fi yaadaa haqa hawaasaa- social justice &#8211; waliin olfuudhuun barbaachisaa natti\u00a0fakkaata. Haata\u2019u malee yaada dimokraasii huumni adduniyaa ciccimtuun akka malee qabatamatti xureessitee jirti, akkuma yaada\u00a0socialism seerri sovietii xureessuu dandaye. Kanaafuu yoo ammaatti beektota ummatoota cuncurfamaatiif dimokraasii fi socialismillee\u00a0maqaan badee, nama mataan gara galee, martinu faaydaa mataa ofii qofaaf asi ach fiiguu fi xenxen jechutti jira. Warri addunia ka nama cunqursu gurguddaan akkas barbaadan. Namni xiqqo yaadu waan kana arguu hindadhabu. Karaa nagayaatiin haat\u2019auu, karaa biraatiin yoo hinqabsaayin rakkoo guddotu nama eeggata. Keessattu ummaanii akka ummata Oromo cunqurfamaan yoo ammaan hinqbsaayin rakkoo fi salphinna fakkeenna hinqbnetu yoo mara caalaa isa eeggata. Qabsoon waan yoo barbaadan godhanii yoo hinbarbadin dhiisanimiti. Nama qabso irraa dheessullee qabsoo hamtutuu bifa biraatin isa eeggata. Kanaaf jecha qaruutee ta\u2019uu yaaluun mala hamaadha. Seenaa Oromoo keessatti yoo jiraachuuf gowwaa of fakkeessuun faaydaa qabutuu ture. Yaroon suni amma tartee jirti, hindeebitu. Jidduu tanatti ammoo Oromoo guddinnaan gowwaa offakkeessuun aadaa itti taatee jirti. Waan kana diinni akka gaarii beeka, aqkka gaarii itti hojjachuttillee jira. Oromoon ammoo guddinnaan taaktikii tana waan diinni isaa beeku hinsehu. Yoo heddu namni odoo nama biraa sossobuu yaadu ofillee akka malee sossoba.<\/span><\/p>\n<p class=\"serendipity_entry_extended\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Sodaa malee yaada dhugaa ka itti amanan addeesani akka yaanii suni , xiqqaatee guddatee, dhugaa ta\u2019uuf hojjachuunillee qabsoo guddo. Bariisa.com nama riphuu barate olka\u2019ee miilaa ofiirra ijjatee akka yaadu gargaaruu yoo dandeette, wanni isiin barbaaddu qixxeen guutame jechuudha.<\/span><\/p>\n<p class=\"serendipity_entry_extended\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Blisa ta&#8217;anii yaaduun yaada sanillee waldura qabuu dandayuun , walmomrmuu dandayuun karaa nagayaatiin sagantaa politika cimaa\u00a0kopheefachuutti qofa odoo hinta&#8217;in, akka itti qabsoo deemsisanii fi -forms of struggle-, ijarmaya yokaanii dhaaba akkamii jalatti akka\u00a0deemsisan-organizational structure , qulqulleessurrattille nama gargaara. Namni yaadaan malee qabatqamatti qabsoo waraanaa gochuu hinbarbaanne ( yaadaan qabsoon waranaa barbaachiftu namni jedhu nu Oromoo keessa lakkoofsi isaa guddaa, qabatamatti namni qabsoo akkanaa keessatti qoda fudhachuu barbaadu xiqqaa ) qabsoo karaa nagayaatiinillee gochuu maaltu isa dhooggee gaafiin jettullee kaatee dubbatamuu barbachisa. Kana yoo jenne\u00a0 impaayirii Itoophiyaa ta kaleessaatii fi ta har&#8217;aa keessattillee gaafiwwan akkanaa namni qoonqa olfuuhdee ifatti kaasee walmari&#8217;achuun waan hindandayamneef dhoysaan dalaguun dirqma ta&#8217;a. Dhoysaan akkamitti dalagna gaafiin jettullee gaafii ofdandeette ta irratti yaanni yookaanii malli gara garaa jirachuu dandayu, ta irratti walmari&#8217;achuu fi walmormuun guddisee barbachisu. Gaafiwwan ciccimaa internet qofa irratti fagoo kaasanii hiikkaa isii arguun akka hindandyamne marri keenna waan beeinu natti fakkaata. Hata&#8217;u malee qoda internetii fi meediaan biraallee taphatuoo akka garri itti dalagame beekuun dirqama. Kanatti Bariisaa.com yaada haarwaan dalaguu barbaaddi. Yaadni Haroyni kuni journalismii haarwa- alternative journalism- yaada jedhamurratti dhaabata: Propaagandaa dhaaba\u00a0 yookaanii waldaya tokkoo yookaanii idioligii dhiphaa tokkoo odoo hinta&#8217;in yaada gara garaa ka dhugaa fi haala qabatamarratti hundeefame, hundeeffamubarbadu ka calanqiisu jechuu.<\/span><\/p>\n<p class=\"serendipity_entry_extended\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Kanaaf Bariisaan yaada gurgudda lama ka waliin deemu, ka addaan baasanii tokko qofaan deemuu hindandeenne qabdi. Yaanni kuni yaada politikaa fi ijaamaya dhabbiillee qajeellaa bal&#8217;aa kennuufii dandayu. Yaanni duraa yaada dimokraasiiti. Dimokraasiin barbachisa. Garuu haala biyya teennaa fi biyyoolee biyya teenna fakkaattutti dimokraasiin akkmitti huji irra oola gafiin jettu bal&#8217;innaan haga ammaattuu hiikaa argachuu hindandeenne. Gaafiin tuni addatti yoo kaafamte hiikkaa argachuu hindandettu. Gaafii lammataa waliin kafamutuu isirraa jiraata. Gaafiin lammata tuni gaafii waan social justice jechuun beekkamu, yoo dagachuu baadhe afaan keennatti, gaafii haqa hawaasa jedhamti natti fakkaata. Gaafiwwan lamiin tuni har&#8217;a biyyoolee Latin Amerikaa keessatti kaatee iiti dalagamutti jirti. Aafrikaa keessatti garuu gaafiin tunii awaalamte yookaani ukkamamte jechuun guddinnaan hindandayma. Warri yookanii humniwwan siyaasaa ta qooda geegessoota taphachutti jirtu waan faaydaa ummatoota isiitiif hinta&#8217;in faaydaa mataa ofii qofaaf huumnawwan adduuniyaa ciccimtuu ergamtoota ta&#8217;anii hojjachutti jiran. Haala impaayrii Itoopjhiyaatti\u00a0 namootaa fi dhaabbiin kaleessa nu socialisti jechuu bira taranii maarxistti ofiin jechuu turan, keessattuu ta beektota Habashaa, EPRP, MAISON, TPLF fifi ta biraallee hara&#8217;a guutumatti, tasatti, sagantaa ofii jijiiranii ergamtoota humnawwan alaa ta&#8217;anii dalagutti jiran maqaa dimokaraasiitin. Akkuma kaleessa marxism qofatti amanna jechuu turan har&#8217;a ammoo dimokraasii qofatti amanna jechutti\u00a0 jiran. Gaafiin cimtuun jara biratti akkamitti gabayaa adduniyaatti ofgurgurannee gatti argannaa taate. Saala wanni jedhamu hinjiru. Ummanni bal&#8217;aan cunqwurfamaan ammoo yaada socialism yookaanii yaada social dimokraasii, jechuun, waan &#8220;social&#8221; jedhamu mara seera dargii fashistiin waan walitti hidhee laaluuf, karaa kaaniin biyyi gurguddon nu dimokraasii ofiin jettu marti mootota fi bulchaa siyaasaa ta isa cunqursitu duuba waan dhaabattuuf, dimokrassi fi socialismittillee amantii dhabee jira. Haala kanatti jiruun nabaasi taate. Nabaasiin ammoo badii malee hiikkaa miti. Haala kanatti warra siyaasa geegessuu ummata bal&#8217;atti taphchuun mijjaayee jira.<\/span><\/p>\n<p class=\"serendipity_entry_extended\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Garuu biyya kapitalistii keessattuu ummanni bal&#8217;aan yaada social dimokirasii jalatti fi\u00a0 warra bitaa &#8211; left- ka gara gara jalatti walqixummaa fi social justice akka argamuuf qabasaayutti jiran, akka kapitalismiin adduniyaa-globaal kapitalism &#8211; ilma namaa saamuu hindendeenne akka fedhutti. Qabsoon tuni biyyolee Aafrikaa heddu keessatti ha ukkaamamtu male bakka maratti-globally- karaa karaan deemutti jirt. Rakkoon -crisis- har&#8217;a kapitalism qabattellee qabsoo tana jabeessutti jirti. Kapitalism akka Ameerikannii fi Inglisiin oofanitti adduniya mooyachuu fi samuu akk barbaadu guddisee ifa ta&#8217;utti jira ummatoota biyya seensaatillee. Warri Malles Zennawii fakkaatu ka garba Amerikaaniitii fi gabra Inglisii ta&#8217;ee dalagu yaroof malee fuulduratti salphinni jaraa waan hin&#8217;oolle.<\/span><\/p>\n<p class=\"serendipity_entry_extended\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Haala ummata Oromoo yoo laalle bektonni isaallee akkauma beektota habasha gaafiwwan lamii gurguddoo walitti hidhanii laaluu dhiisani ofii fi\u00a0 huumnawwan addunniyaa mooyattu\u00a0gammachiisuuf dimokraasii qofaa sirbutti jiran. Warri maqaa dhaabbii politika ta Oromootiin asi achi jechutti jirullee guddinnaan, gaafii lamii walitti hidhurra dheessutti jiran, jechuu kiyya, martinu. Kanaafu, ummata Oromo bal&#8217;aa, cunqurfamaa dhaabanna yoo ka jedhan taatee jechi jaraa kuni akka kijiba ta&#8217;ee ammummaan\u00a0 ummata yaadachiisuu barbaaddi Bariisa.com. Ol&#8217;aantonni Amaaraatii fi ol&#8217;aantonni Tigree ammaa duuba ummata Oromoo akka fooyyetti sossobuu handandaayan. Amma namni duraandursee Oromoo sossobu dandayu, ka qabsoo isaatiin mataa ofiitii bu&#8217;aa argachuu dandayuu beektota Oromooti.\u00a0Bariisa.com haala kanallee akka cima kaasuu fi ibsuu barbaaddi. Kanaafu jalqabatti Bariisa.com fira odoo hinta&#8217;in diina guddifachuun isii waan hin&#8217;oollee.<\/span><\/p>\n<p class=\"serendipity_entry_extended\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Namni Oromoo tokko tokko ka walbeeinuun ka gaaf dura bariisa.com baate waan gammadan fakkatani afaan lafatti cuqqaalanii cal&#8217;isutii jiran gariin\u00a0yookaanii abjuu kijibaa ta gara gara hordofutti jiran. Harreen haada kutte ofitti gababsite akka jedhan Bariisa.com namoota akkanaarraa wanni isiin eeidu hijiru. Namni duratti deemuu barbaadu duratti deema. Ka duubatgti deemuu barbadu dubatti deema. wanni akka namni duubatti faallaa deemu\u00a0 nama godhu faaydaa dhiphoo mataa ofiiti fi wallaala.Nama gadqabee hinyaannee guyyaan marti cidha jecha jedhutuu jira.\u00a0Kunwaan harawaa miti.\u00a0Haata&#8217;u malee namni akkuma beekkomsi isaa guddatuun, akkuma bilchaatuun waa bal&#8217;innaan laaluu fi\u00a0fuulduratti deemuu barbada.. Kanaafu Bariisa.com akka namni beekkomsaa fii -information- yaada gara gara waliin qoodamu barbaddi. Akka kun argamullee guutumatti abdii qabdi. Gaafiin gaafii yarooti.<\/span><\/p>\n<p class=\"serendipity_entry_extended\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Haga har\u2019aattuu impayijrii Itophiyaa keessatti huumniwwan siyaasaa yookaanii dhabbiin siyaasaa ta dhugumatti ummanni bal\u2019aan fedhii ofiitiin dirqama malee qooda itti fudhatee akkasitti mootummaa qabatte hinjirtu. Maqaa ummata bal\u2019aatiin hojjanna jechuu fi dhugamatti qabatamatti ummatarratti hundaayanii dhaabachuun waan tokkoo miti. Dhabbiin siyaasaa ta itophiyaa keessatti asdura ijaaramte sababa kanaaf badde. Ta har\u2019a jirtullee baduun isii waan hin\u2019oollee waan haqaan ummatarratti hinhudaayiniif. Haga ummanni bal\u2019aan ofbeekee mataa ofiitiin haala kana jijjirutti huumni takka ta biraa huumna waraanaatiin kuffist mootumaa qabachuun akkuma duritti itti fufa. Dhiigni ilma nama ka jiguu fi qabeennii ilama nama ka adeemsa akkanaa keessatti saamauu waan namni marri argu. Haalli kuni akkuma seenaa har\u2019aatii fi ta kaleessaarraa ifa ta\u2019uu odoo saboonni Impayrii keessatti cunqurfamutti jiran Itophiyaa irra fottoqanii motummoota ofii ijaaratanillee guddisee hinjijjiiramu haga gaafiin dimokaraasiitii fi gafaiin haqa hawaasa- social justice walbira hiikkaa hinarganne. Kanaafuu akka seenaan waan tare hindeebifne, jechuun badiin hara\u2019aatii fi badiin kaleessa akka hindeddebine ammumaan dammaquu barbaachisa.<\/span><\/p>\n<p class=\"serendipity_entry_extended\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">TPLF bor haata\u2019uu , iftaan haata\u2019uu, kufuun isii waan hin\u2019oolle &#8211; preprogrammed.\u00a0Garuu walqabatti yoo haalli ammaa ka siyaasaa dhugamaan hinjijjiramne ammumaanuu humni bakka TPLF buutullee waan isiin ta\u2019uu dandeettu beekuun nama hindhibu. Kanaafi wanni\u00a0alternative journaalism jedhamuu dandayu wanni barbaachisuuf. Ani waan bira waan godhu dhabeetimiti wanni bakka Bariisa.com\u00a0jedhamtu tana baneef. Duwaa yookaanii qaawa guddoo guutuufi. Kun beekamuun anaaf, akka ani argutti, guddisee barbaachisa.<\/span><\/p>\n<p class=\"serendipity_entry_extended\"><span style=\"font-family: arial,helvetica,sans-serif;\">Namni lakki akkanaamiti jedhu ka dhugamaan yaada kiyyarra yaada bal\u2019aa qabu welocome, marhabaa, ashamaa isiniin jedha. Yaada yaada kiyya guutumatti mormu ka ani fudhachuu hindandeennetti namni dhugamaan amantii qabullee akkasuma ashama. Dimokraasiin yaada bakka hinjirretti wanni sirreefamaa hinjru.<\/span><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Karaa maraan haaqabsoofnu Hinyaadachiisa, hingaafachiisa, hindhaabachiisa Bariisa yaada haarawaan haa guunnu Yaaduu fi yaadachuun walkeessa jiran. Yaanni dhugaa<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/21"}],"collection":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=21"}],"version-history":[{"count":0,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/21\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=21"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=21"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=21"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}