{"id":12,"date":"2010-01-11T19:25:49","date_gmt":"2010-01-11T19:25:49","guid":{"rendered":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/2010\/01\/11\/ganda-oromo\/"},"modified":"2010-01-11T19:25:49","modified_gmt":"2010-01-11T19:25:49","slug":"ganda-oromo","status":"publish","type":"post","link":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/2010\/01\/11\/ganda-oromo\/","title":{"rendered":"Ganda Oromo"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: justify;\">Abbaa Aman : Nagayaa jarana ( alaa olseenaa )<br \/>Hasan : Isin hingayu<br \/>Abbaa Aman: Isin maalli?<br \/>Hasan : Bunna fixannee isin hingayu jechuu kiyyaa baraa.<br \/>A. Aman : Yoo namni nagayaa jedhe bunni isin hingayu namaan jedhanii?  <!--more-->  <\/p>\n<p>Aasha: ( Booroo as bayaa ) Akkam oltan Abba Aman: Buna hindhaabnaa godha<br \/>A. Amaan: Nagayaa lafee tiyya? Buna dhugee dhufee hinyaadin. Xiqqoo gad erkachuu <br \/>barbaada ( madabirra gad erkataa )&#8221; Nagaya jirtanii&#8221; fi &#8221; Bunni nagayaa&#8221;<\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">jechuunillee afaan keennatti&#8230;&#8230;<br \/>Hasan: Afaan keenna qilee hunda hinqabnee baraa.<br \/>Gada: Afaan keennatti taphataa baraa namichoon kuni.<br \/>A. Aman : ( Oljedhaa ) Afaaniin taphachuun gaarimaa, intala bareedduu sii goona <br \/>Qaadhimaa ( manni martinu hinkolfa ) <br \/>Hasan: ( Gada laalaa ) Sila akkanumaan saalfachiftan moo waa agartaniif?<br \/>Abbaa Amaan : Maaliif saalfata.? Guyyaan ka isaati. Atu hinsaalfannee gafa kee.<br \/>Gada: Inni saala hinqabuu bara. Rabbituu irraa fuudhee.<br \/>Nadhi: ( Obboleetti Gada , teettee kutaa haarawa footi ) Amma waan qilee dhiiftanii waan<br \/>bareeda dubbachutti jirtani. Ati Hasan yoomaraa waan qilee malee<br \/>waan biraa hindubbattu.<br \/>Hasan: Ammallee waan qilee quxalee dubbachuu barbaada, qilee seenaa qabdu.<br \/>Aasha: Namni qilee quxalee afotti guddate waan isii malee waan biraa hinhaasawu <br \/>Jedhama.<br \/>Gada: Qilee quxalee allaattiin irra hinbarartulle jedhama.<br \/>Nadhi: Kuni waan ujoollee daa&#8217;imaa himani.<br \/>Abbaa Aman: ( Xiqqoo muganii ija banatan) Afaan qilee nama buusallee jedhanii <br \/>hindagatina.<br \/>Aasha: Hindagannuu, hirriiba isin dhoogginee miti?<br \/>A. Aman : Yaadatuu hirriiba nadhoogge. Isin haasawaa. Ani qilleensa fudhadha(baha)<br \/>Hasan: Ofitti, walitti (ofiin dubbata fakkaata ) odoo amannee (ol laala)&#8230;<br \/>Aasha: Mee amma dhugaa dubbadhu. Afaan keenna maaltu qilee godhe? <br \/>Nadhi: Qileen ree qullaa jechuumiti?<br \/>Gada: Yaa rabbii qullaa nu hingodhin!<br \/>Hasan: ( Olka&#8217;ee asii achi deema ) Numatuu qilee godheka,. Dubbiin midhaan <br \/>nuutaatee, isima teennee shigidna. Hansaraan ija nu balleesse. Waan fuula <br \/>dura nu jirulle hin&#8217;agarru . Odoo hawwii teennarra harkuma shan <br \/>hujiin, afaaniin odoo hinta&#8217;in, mulifnee silaa gandi keenna magaalaa barwaaqa<br \/>ta&#8217;a.<br \/>Gada: <br \/>Amma Afaan Keenna afaan baromsa ta&#8217;ee Maal barbaanna!<br \/>Nadhii: Maal barbaanna! Dhugaa jette! Amma afaanuma keennaan sossobamna.<br \/>Hasan: Anillee qilleensa fudhadhaa, mee haasawa.( baha )<br \/>Gada, Nadhi, Aasha: ( Walbira ) Nullee qilleensa fudhanna! <\/p>\n<p>Nadhii: ( eega ala bayanii deemaa ) Sila amma maal haagoonu jitta ree ati?<br \/>Hasan: Ani dhugamatti qulla ta&#8217;uu odoo dandeennee jedha.<br \/>Aasha: Akka qilee!<br \/>Gada: Yookaanii akka quluu bunaa!<br \/>Hasan: (kolfaa) Yokaanii akka qilleensa qulqulluu kanaa. Maaliif qullaa ta&#8217;uu nu <br \/>barbaachisa isinitti fakkata?<br \/>Gada: Mee jedhi kaa!<br \/>Hasan: Isiniin jedha ( karaa tokkoon Gadaaf Nadhii , karaa biraatiin Aasha jidduu <br \/>seenee harka ceekuu jaraarra kaayataa ). Yaada xuraayaa ofkeessaa <br \/>gad dhangalaafnee akka yaada haarawaaf bakka qabaannuuf, akka <br \/>haarawoomnuuf. ( Martinu takkaa hincal&#8217;isan. Tasaumatti). Amma mee haasirbnuu <br \/>takkaa. <br \/>Afaaniin taphachuun gaarima. Na waliin&#8230;<br \/>Martinu waliin: Afaaniin taphachuun gaarimaa<br \/>Afaaniin taphachuun gaarimaa<br \/>intala bareeddu sii goona qaadhimaa.<br \/>intala bareedduu sii goona qaadhimaa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">\u00a0<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Abbaa Aman : Nagayaa jarana ( alaa olseenaa )Hasan : Isin hingayuAbbaa Aman: Isin maalli?Hasan : Bunna fixannee isin hingayu jechuu kiyyaa baraa.A. Aman : Yoo namni nagayaa jedhe bunni isin hingayu namaan jedhanii?<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":[],"categories":[4],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/12"}],"collection":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=12"}],"version-history":[{"count":0,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/12\/revisions"}],"wp:attachment":[{"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=12"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=12"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"http:\/\/www.bariisa.com\/en\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=12"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}